28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Maatewoos 9:18 18

Intala Duutee fi Dubartii

Dhukkubsatte

9:18-26 kwf ⇒ Mar 5:22-43; Luq 8:41-56

18 Otoo inni waan kana dubbachaa

jiruu, bulchaan tokko

dhufee fuula isaa duratti jilbiinfatee,

"intalli i tiyya ammuma na

duraa duute; Garuu koottuutii

harka kee ishii irra kaa'i; Ishiinis

ni jirrattii" jedheen. 19 Yesuusis

ka'ee barattoota isaa fudhatee

namicha faana deeme.

20 Kunoo, dubartiin j sababii dhiigni

isii dhangala'aa tureef waggaa

kudhanii lama dhiphachaa turte

tokko dudda duubaan dhuftee

handaara uffata isaa harkaan

tuxxe. 21 Isiinis garaa isii keessatti,

"ani yoo uffatuma isaallee tuqe

nan fayya"jettee yaaddee turteetii.

22 Yesuusis gargalee isii ilaalee,

"yaa intala tiyya, amantiin kee si

fayyiseeraatii jabaadhu!" jedheen.

Dubartiin sunis yeruma sana

fayyite.

23 Yesuusis yommuu gara mana

bulchaa sanaa dhufee warra ulullee

afuufanii fi uumata wacu argetti,

24 "Asii deemaa! intalattiin rafuutti

jirti malee hin duunee" jedheen.

Isaan garuu itti kolfan. 25 Erga

namoota gadi baasanii booddee

Yesuus ol-seenee harka isii qabe;

isiinis kaatee dhaabatte. 26 Oduun

waayee kanaas kutaa biyya sanaa

hundumaa keessa faca'e.

Yesuus Namoota Jaamaa Fayyisuu

Isaa

27 Yesuus otoo achii ka'ee deemaa

jiruu jaamonni lama isa

faana deemanii, "Yaa Ilma Daawiti

nu maari! k " jedhanii iyyan.

28 Yommuu inni mana seenettis

jaamonni sun gara isaa dhufan;

innis, "akka ani waan kana

gochuu danda'u ni amantuu

ree?" jedhee isaani gaafate.

Isaanis, "eeyee, yaa gooftaa!"

jedhanii deebisaniif.

29 Yesuusis ija isaanii qaqqabee

l , "akkuma amantii keessanii

isiniif haa ta'uu" jedheen. 30 Iji

isaaniis ni baname. Yesuusis,

"akka namni tokkolleen waan

kana hin dhageenneef of eegadhaa"

jedhee jabeessee isaan ajaje.

31 Jarri garuu achii ba'anii kutaa

biyya sanaa mara keessatti waayee

isaa odeessan.

32 Otoo isaan gadi bawuutti

jiranuu jarri tokko arrab-didaa m

jinniidhaan qabame tokko Yesuusitti

fidan. 33 Arrab-didaan sunis

eega jinniin isa keessaa baafamee

booddee ni dubbate; Namoonnis,

"Wonni akkanaa takkumaa Israa'el

keessatti argamee hin beeku"

jedhanii dinqifatan n .

34 Fariisonni garuu, "Inni mootii

jinniitiin jinnii baasa" jedhan.

Hojjattoonni Muraasa

35 Yesuus manneen sagada

i 18 ykn mucattiin; j 20 ykn niitiini;

k 27 ykn nuu nai'; l 29 ykn ila isaanii

qaqqabatee; m 32 ykn duudaa, n 33 ykn

maadeffatan /ajaa'ibsiifatan

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!