28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 1:18 2

Dhalachuu Yesuus Kiristoosi Dhufaatii Beettotaa

18 Dhalachuuni Yesuus Kiristoosi

akkana ture: Haati isaa

Maariyaam kaadhima e Yooseefi

turte; isiinis otoo Yooseef wajjiin

wal-bira hin gayin hafuura

Qulqulluun ulfooftee argamte.

19 Yooseef Kaadhimni f ishii sunis

waan nama qajeelaa tureef,

dhossaadhaan ishii dhiisuu murteesse

malee, uumata duratti ishii

qaanessuu hin barbaanne.

20 Otoo inni waan kana yaadaa

jiruu, Maleekkaani gooftaa abjuun

g itti muldhatee, akkana jedheen;

"Yaa Yooseef ilma

Daawiti, kaadhimni tee Maariyaam

Hafuura Qulqulluudhaan

waan ulfoofteef isii fuudhuu hin

sodaatin.

21 Ishiini ilma deetti;

atis maqaa isaa Yesuus jettee

moggaafta; inni saba isaa cubbuu

isaanii irraa ni fayyisaatii."

22 Kun hundinuu wonni

gooftaani karaa raajichaatiin h

dubbate sun akka raawwatamuuf i

ta'e. 23 Innis, "Kunoo, dubri tokko

ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa

isaas Amaanu'el jedhu" jedha.

Amaanu'el jechuunis,"Waaqayyo

nu waliin jira" jechuu dha.

24 Yooseefis hirriibaa dammaqee

akkuma maleekkaani gooftaa isa

ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan

mana isaatti fudhate. 25 Garuu

inni hanga ishiini ilma hangafa

deettutti ishiitti hin buune.

Maqaa isaas, "Yesuus" jedhee

moggaase.

Bara mooticha Herodisi keessa,

2 erga Yesuus kutaa biyyaa

Yihuudaa magaalaa j Beetaliiheemitti

dhalatee booddee k , beettonni

tokko ba'a biiftuutii gara Yerusaalemi

dhufan. 2 Isaanis, "inni

mootii Yihuudotaa ta'uuf dhalate

sun eessa jira? Nu urjii isaa ba'a

biiftuutti arginee isaaf sagaduu

dhufneerra" jedhanii gaafatan.

3 Herodis Mootichi yommuu

waan kana dhagayetti ni rifate;

Yerusaalemis guutummaatti isa

wajjiin rifatte.

4 Innis luboota

hangafootaa l fi barsiistota seeraa

hunda saba keessaa walitti qabee,

Kiristoos eessatti akka dhalatu

isaan gaafate. 5 Isaanis akkana

jedhanii deebisaniif; "kutaa

biyya Yihuudaa, magaalaa Beetaliheemiitti

dhalata; kunis dubbii

raagichi, m

6 "'Yaa Beetaliheem ishii biyya

Yihuudaa,

ati matumaa n bulchitoota

Yihuudaatii gadii miti;

Saba koo Israa'elin kan bulchu

si keessaa ni ba'aatii' "

jedhee barreesse sanaa dha.

7 Kana booddee Herodis beettota

sana dhossaatti waamee yeroo

itti urjiini sun muldhate isaani

e 18 ykn intala kadhatan; f 19 ykn gurbaa

dubra kadhatu;

g 20 ykn oobjuun/

eebjuun; h 22 ykn raagaatiin; i 22 ykn

guutamtuuf;

j 1 ykn dira;

k 1 ykn

duubatti; l 4 ykn qaallolee gugurdoo;

m 5 ykn raajichi; n 6 ykn diqqumallee

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!