28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 12:3 24

Sanbataatiin hojjachuun hin eeyyamamne

hojjatuu" jedhaniin.

3 Innis akkana jedhee deebise;

"Yeroo Daawitii fi warri isa wajjiin

turan beela'anitti waan Daawit

godhe isin hin dubbifnee? 4 Daawit

mana Waaqayyoo seene; innii fi

warri isa waliin turanis buddeena

kennaa nyaatan. Buddeeni sun

immoo luboota x qofaaf malee

isaaniif hin eeyyamamu ture.

5 Yookaan akka luboonni mana

qulqullummaa keessaa guyyaa

Sanbataatiin Sanbata xureessan,

ta'us akka yakka ta'ee isaanitti

hin lakkaawamne y isin seera

keessatti hin dubbifnee?

6 Ani

isinitti nan hima; Kan mana

qulqullummaa caalu asi jira.

7 Isin, Otoo dubbiin, 'ani araara

hawwa malee aarsaa z hin hawwu'

jedhu sun maal jechuu akka ta'e

beettanii silaa warra yakka hinqabnetti

hin murtan ture. 8 Ilmi

Namaa Gooftaa Sanbataatii."

9 Innis achii ka'ee dhaqee, mana

sagada isaanii seene. 10 Kunoo,

namichi harki laamsha'e a tokko

achi ture; Fariisonnis sababii

ittiin Yesuusin himatan barbaadaa

waan turaniif, "guyyaa

sambataatiin nama fayyisuun

seeraa?" jedhanii isa gaafatan.

11 Yesuusis akkana isaaniin jedhe;

"Isin keessaa namni hoolaa tokko

qabu, kan yoo hoolaan sun guyyaa

Sanbataatiin boolla keessa

bu'e harkisee hin baafanne jiraa?

12 Namni ammoo hangam hoolaa

caalaa gatii guddaa hin qabuu

ree? Kanaaf guyyaa Sanbataatiin

waan gaarii hojjachuun seeruma."

13 Namichaanis, "harka kee

diriirfadhu" jedhe; Namichis harka

isaa diriirfate; Harki isaas guutummaatti

fayyee akkuma isa

kaanii ta'e. 14 Fariisonni garuu gadi

bahanii haala ittiin Yesuusin

ijjeesan mariyatan.

Tajaajilaa Waaqayyoo

15 Yesuusis waan kana hubatee

bakka b sanaa ka'ee deeme;

Namoonni baay'eenis isa hordofan;

Innis dhukkubsattoota c isaanii

mara fayyise. 16 Akka isaan akka

inni beekamu hin goones isaan

ajaje. 17 Kunis akka wonni Isaayyaas

raajichi d dubbate sun fiixaan

bawuuf ta'e; Innis akkana jedha:

18 "Tajaajilaan e kiyya inni ani

filadhe,

Inni ani jaaladhuu fi inni ani

itti gammadu Kunooti;

Ani hafuura kiyya isa irra nan

kaa'a.

innis namoota ormaatti murtii

qajeelaa ni labsa.

19 Inni hin lolu yookaan hin iyyu;

Namni tokkolleen qoonqa isaa

karaa irratti hin dhagawu.

x 4 ykn qaallolee; y 5 ykn hedamne; z 7 ykn

sooriyoo; a 10 ykn irratti du'e; b 15 ykn

fulaa; c 15 ykn worra fayyaa hin qabne;

d 17 ykn raagichi; e 18 ykn hojjataani

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!