28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Maatewoos 12:35 26

dubbachuu dandeettu? Waan garaa

guute afaan dubbataatii. 35 Namni

gaariin waan gaarii garaa isaa

keessatti kuufame keessaa waan

gaarii baasa. Namni hamaanis

waan hamaa garaa isaa keessatti

kuufame keessaa waan hamaa

baasa. 36 Ani garuu isinittin hima;

Guyyaa murtiitti namoonni dubbii

akkuma argan dubbatan hundumatti

ni gaafatamu. 37 Dubbii

keetiin murtii qajeelaa argattaatii;

dubbuma keetiinis sitti

murama."

Milikkita Yoonaasi

12:39-42 Kwf ⇒ Luq 11:29-32

12:43-45 Kwf ⇒ Luq 11:24-26

38 Yommuus barsiistonni seeraatii

fi Fariisonni tokko tokko, " Yaa

barsiisaa, akka ati milikkita nu

agarsiiftu barbaanna" isaan jedhan.

39 Yesuusis deebisee akkana

jedheen; "dhaloonni hamaa fi

ejjaan n milikkita barbaada; Garuu

milikkita Yoonaas raagichaa sana

malee milikkinni tokkolleen hin

kennamuuf. 40 Akkuma Yoonaas

guyyaa sadii fi halkani sadii garaa

qurxummii guddaa tokkoo keessa

ture sun, Ilmi namaas guyyaa

sadii fi halkan sadii garaa lafaa

keessa ni turaatii. 41 Namoonni

Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota

kana waliin ka'anii itti muru.

Isaan lallaba Yoonaasiitiin qalbii

jijjiirrataniiruutii o . Kunoo, inni

Yoonaasin caalu asi jira. 42 Mootuun

kibbaa p guyyaa murtiitti

dhaloota kana wajjiin kaatee itti

murti. Isiin qarooma Solomooni

dhagawuuf jettee daarii lafaatii

kaatee dhufteertii. Kunoo, Inni

Solomoonin caalu asi jira.

43 "hafuuri xuraawaan yommuu

nama keessaa bawutti, boqonnaa

argachuuf jedhee lafa bisaan hin

jirre keessa joora; Garuu tokkollee

hin argatu. 44 Innis, 'mana kiyya

isa ani keessaa ba'e sanatti nan

deebia'a' jedha; Yommuu achi

gawuttis manicha duwwaa ta'ee,

qulqulleeffamee, midhaaffames

argata. 45 Ergasiis dhaqee hafuurota

biraa q torba kanneen isa caalaa

hamoo ta'an fudhatee dhufa;

Isaanis mana sanatti galanii achi

jiraatu; Haalli namicha sanaa

kan dhumaa isa jalqabaa caalaa

hammaata; Dhaloonni hamaan kunis

akkasuma ta'a. "

Haadha Yesuusiitii Fi Obboleeyyan

Isaa

12:46-50 Kwf ⇒ Mar 3:31-35; Luq 8:19-21

46 Otuma Yesuus namootatti dubbachaa

jiruu kunoo, haati isaatii

fi obboleeyyan isaa isa waliin

haasawuu barbaadanii ala dhadhaabachaa

turan. 47 Namni tokkos,

"Ilaa! haati teetii fi obboleeyyan

kee si wajjiin haasawuu barbaadanii

ala dhadhaabatu "jedhee

itti hime.

48 Yesuus deebisee, "haati tiyya

n 39 ykn hawadataan; o 41 ykn cubbuu

irraa deebi'aniiruutii; p 42 ykn bitaa;

q 45 ykn dhibii

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!