28.04.2013 Views

SEERA UUMAMAA 1-11 - Free Bible Commentary

SEERA UUMAMAA 1-11 - Free Bible Commentary

SEERA UUMAMAA 1-11 - Free Bible Commentary

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

dadna’uufi bifaafi teekinika waliigaltee laafaa namootaatti kan fayyadamedha.

C. Kitaabni Quqlulluu yaadaafi ergaa gumaa’ee akka qabu nan amana. Kanaafuu, hiikkoon kitaaba

Qulquluu inni hundaan olii kitaaba Qulqulluu mataa isaati.

D. Dubbiffanni kitaaba Quqlulluu (raajooa irraa kan hafee) hundi fedhaafi kaka’umsa barreessicha duraa

irratti hundaa’ee ergaa tokkoofi tokko qofa akka qabu nan amana. Hangamu mirkantuu dhumaa ta’uudha

baannullee qabxiileen heddu agarsiisan waan jiraniif fedha barreessicha duraa ni beekna.

1. Bifa hogbarruu ittiin ergaa dabarsuuf filatamee

2. Yoomessa fi/ykn haalyeroo barreeffamicha dhangalaase

3. Qabiyyee kitaabilee keessaafi gamtooma hogbarricha

4. Gamtooma qabiyye hogbarichaa gara ergaa guuammati

5. Haala giraamara ergicha dabarsuuf faayidaarra oolee

6. Ergicha dabarsuuf jechoota filatame

7. Dubbifata walinfaallessine ta’uusaati.

Namoonni qo’annoo kanaas kaayyoo qo’annoo bareeffama kanaa nuuf ta’e. Odoon mala dubifata kitaaba

Qulqulluu gaarii kiyya hin eriin dura mala hin mallee bara kana keessa namoonni itti fayyadamanii garagaraafi

dhabamuu qabuun waa jedhe.

II. Mala hin mallee

A. Qabiyye hogbarru kitaabbilee kitaaba Qulqulluu tuffachuufi jecha, jechamaafi tokkoon tokkoo himaa

akka dhugaa guufuutti sanuu akka fedha barreessichaafi ergaa waliigalaan waliin simnetti fayyadamuu.

B. Seenaa yoomessa kitaabichaa cinatti dhiisuun durtilmaama seenaa yoomessaan bakka buusuun sanu isa

faayidaa xiqqo ykn homaawu hin qabnetti fayyadamu.

C. Seenaa yoomessa kitaabichaa dhiisuuniifi akka gaazexaa magaalaa namoota kiristaana hammayyaa

ganama ganama bitamee dubbifamuuti dubbisuuf.

D. Fedha barreessicha ykn dhaggeeffattoota duraati hin simneen ergicha akka ergaa falaasamaa/tiyooloojiitti

fudhachuun seenaa yoomessicha tuffachuu.

E. Ergaafi yaada barreessicha jalqabaatti kan hin simne dhimma baraa, doktiriina ykn mala tiyoolojii mataa

ofii bikka huusuun ergaa duraa tuffachu. Adeemsi kun dubisa kitaaba Qulqulluu duraa akka aboo abba

dubbiitti lafa kaa’a. Kun ammoo nuyiif akka “deebii dubistootaa” ilaalama. (qabiyee jechun anaaf

maalajechuudhaa” hiikkaa)

Waliigaltee namootaa hunda keessatti ijoowwan sadii walsimatan ni muldhatu.

Fedha

barreessaa isa

ka’umsaa

Qabiyyee

Barreeffamaa

Barreessaan inni

angafaa jechuuf

kan barbaade

Bara durii, teekinikoonni dubisaa ijoo sadan keessaa isa tokkootti hirkatu turani. Garuuu dhugumatti

fedha addaa kitaaba Qulqulluu mirkaneessuuf, gabateen haaromfame baayyee gaariidha.

Afuura

Qulqulluu

Fedha

barreessaa

isa

Barreeffama

garaagar

Qabiyyee

Barreeffamaa

Amantoota

boodaa

Argataa

ka’umsaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!