22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

anamaa. 8 Namni kadhatu hundumtuu

ni argata; Namni barbaadu

ni argata. Nama rurrukutuufis

balballi ni banama.

9 "Isin keessaa namni yoo ilmi

isaa buddeena isa kadhate dhagaa

kennuuf eenyu? 10 Yookiin

namni yoo ilmi isaa qurxummii

isa kadhate bofa kennuuf eenyu?

11 Ergaa isin warri hamooniyyuu

kennaa gaarii ijoollee keessaniif

kennuu beettanii, Abbaani keessan

inni samii irraa immoo hagam

caalchisee warra isa kadhataniif

kennaa gaarii haa kennuu ree!

12 Waan akka namoonni isinii

godhan barbaaddan hundumaa isinis

akkasuma isaanii godhaa; Seerris

raajonnis l kanuma barsiisuutii.

Karra Dhiphaa fi Karra

Baldhaa

13 "Karra isa dhiphaadhaan ol

galaa; karaan badiisatti nama

geessu baldhaa dha; Karri isaas

baldhaa dha; Namoonni ittiin olgalanis

baayyee dha. 14 Karaan

jireenyatti nama geessu garuu

qaldhaa dha; Karri isaas dhiphaa

dha; Warri isa argatanis muraasa m .

Mukaa fi Firii isaa

15 "Raagota dharaa warra raroo

hoolaa uffatanii gara keessan

dhufan, kanneen keessii isaanii

garuu yeyyii akka malee beela'ee

waa cicciratu ta'e irraa uf eegadha.

16 Isin firii n hujii isaaniitiin isaan

beettu. Qoraattii irraa wayiniin,

13

yookaan sokorruu irraa harbuun o

ni ciramaa? 17 Akkasumas muki

dansaani hundumtuu firii dansaa

naqata; muki hamaan immoo

firii hamaa naqata. 18 muki gaariin

firii hamaa naqachuu hin danda'u;

Muki hamaanis firii gaarii

naqachuu hin danda'u. 19 Muki

firii gaarii hin naqanne cufti

muramee ibiddatti naqama. 20 Kanaaf

isin firii hujii isaaniitiin

isaan beettu.

21 "Nama fedhii Abbaa kiyya

isa samii irraa raawwatu p malee

namni 'Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa'

naan jedhu hundi Mootummaa

Samiitti hin galu. 22 Guyyaa sana

namoonni hedduun 'yaa gooftaa,

yaa gooftaa, nu maqaa keetiin

raajii dubbanneerraa q mitii? Jinnii

baafneerraa mitii ? Maqaa

keetiinis dinqii r baay'ee hojjanneerraa

mitii ?' naan jedhu. 23 Ani

immoo, 'isin yaa warra hammeenna

hojjattan! Ani takkumaa s Maatewoos 7:24

isin hin

beenne; na biraa badaa' jedhee

ifatti baasee isaanitti nan hima.

Beekaafi Wollaalaa

7 : 24 - 27 kwf ⇒ Luq 6 : 47 - 49

24 "Kanaaf namni dubbii koo

kana dhaga'ee hujiidhaan agarsiisu

hundi, nama beekaa t mana

l m

12 ykn raagonnis; 14 ykn diqqa'a/

hagoo; n 16 ykn midhaani/ ija; o 16 ykn

dheekkaan/odaan; p 21 ykn guutu; q 22

ykn fagneerra; r 22 ykn baasa /waan

s

mamaa; 23 ykn qulqullumayyuu;

t

24 ykn qalbii-qabeessa / qaroo

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!