22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Gaariin isa tokkicha qofaattu

jira; Ati garuu yoo jireennatti

galuu barbaadde ajajawwan r eegi"

jedheen.

18 Namichis, "ajajawwan kami?"

jedhee gaafate.

Yesuus immoo akkana jedhee

deebise; "nama hin ajjeesin; hin

ejjin; hin hatin; dharaan hin

rageessin; 19 Abbaa keetii fi haadha

tee kabaji; olla'a kee akkuma mataa

keetiitti jaaladhu."

20 Dargaggeessi sunis, "ani ajajawwan

kanneen cufa eegera;

Yoos amma maaltu na duraa

hirdhata ree?" jedheen.

21 Yesuusis, "ati yoo guutuu ta'uu

barbaadde dhaqiitii waan qabdu

mara gurgurii hiyyeeyyiif kenni;

Samii irratti badhaadhummaa ni

argattaa; Koottuutii na faana bu'i"

jedheen.

22 Dargaggeessi sunis yommuu

waan kana dhaga'etti gaddee s

achii deeme; Inni qabeenya guddaa

qaba tureetii.

23 Yesuusis barattoota isaatiin

akkana jedhe; "Ani dhuguma

isinitti hima; Mootummaa samiitti

galuun nama dureessaaf rakkisaa

dha. 24 Ammas isinitti nan hima;

Namni dureessi mootummaa

Waaqaatti galuu irra gaalli qaawa

limmoo t keessa dabruuttu salphaa

dha."

25 Barattoonni yommuu waan

kana dhaga'anitti akka malee

dinqifatanii u , "yoos eenyuttu fayyuu

43

danda'a ree?" jedhanii gaafatan.

26 Yesuus isaan ilaalee, "kun

namaaf hin danda'amu; Waaqayyoof

garuu wonni hundinuu ni

danda'ama" jedheen.

27 Yommus Pheexiroos, "kunoo,

nu si faana bu'uuf jennee waan

cufa dhiifneerra; egaa maal arganna

ree?" jedheen.

28 Yesuusis akkana isaaniin

jedhe; "Ani dhuguma isinitti hima;

addunyaa haaraya keessatti yeroo

ilmii namaa teessoo isaa ulfinna

qabeessa sana irra taa'utti, isin

warri na hordoftanis akkasuma

teessowwan kudhanii lama irra

teessanii gosa Israa'elii kudhanii

lamaanitti murtu. 29 Namni maqaa

kiyyaaf jedhee manneen yookaan

obboleeyyan yookaan obboleettan

yookaan abbaa yookaan

haadha yookaan ijoollee yookaan

oobruu dhiise hundi dachaa dhibba

ni argata; jireenya barabaraas ni

dhaala. 30 Garuu warri hundumaa

duraa hedduun warra hundumaa

booddee ni ta'u; warri hundumaa

booddee hedduun immoo warra

hundumaa duraa ni ta'u.

Fakkeenya Warra Oobruu

Wayinii Keessa Hojjatanii

"Mootummaan samiis 20 abbaa lafaa kan Oobruu

v Maatewoos 20:1

wayinii isaatti hojjatoota

r 17 ykn seera Waaqaa; s 22 ykn laaleffatee;

t 24 ykn limmee; u 25 ykn maadeffatanii/ajaa'ibsiifatanii;

v 1 ykn maasaa/

maasii

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!