22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

11 Tuunni sun ammoo, "kun

Yesuus, raagicha isa Naazireeti

biyya Galiilaatii dhufee dha"

jedhee deebisee.

Yesuus Mana Qulqullummaa

Keessatti

12 Yesuus mana qulqullummaa

Waaqayyoo seenee warra achitti

waa gurguranii fi warra waa

bitan hundumaa mana qulqullummaa

keessaa baase. Gabatee o warra

meetii jijjiiraniitiifi barcumaa warra

gugee p gurguranii garagalche.

13

Innis," 'manni kiyya mana kadhannaa

jedhama' jedhamee barreeffameera;

Isin garuu holqaa q

saamtotaa gootaniirtu" jedheen.

14 Jaamonnii fi warri hokkolan

mana qulqullummaa keessatti gara

isaa dhufan; Innis isaan fayyise.

15 r

Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni

seeraa yommuu hujii

dinqisiisaa s inni hojjate arganii

ijoollee mana qulqullummaa keessatti,

"Hoosaa'inaa Ilma Daawitiitiif"

jedhanii iyyan dhaga'anitti ni aaran.

16 Isaanis, "Ati waan ijoolleen

kunneen jedhan dhageettaa?"

jedhanii isa gaafatan.

Yesuus immoo, "eeyee; isin waan

'ati afaan ijoolleetii fi daa'immanii

irraa,

galata qopheessiteerta 'jedhu

sana takkumaa hin dubbifnee?"

jedhee deebise.

17 Innis isaan biraa deemee magaalaa

sanaa ba'e; Biitaaniyaas

dhaqee achi bule.

Mukni Harbuu Goguu Isaa

21:18-22 Kwf ⇒ Mar 11:12-14, 12:2o-24

18 Yesuusis ganama barii otoo

gara magaalattiitti deebi'aa jiruu

beela'e; 19 Muka harbuu t tokkos

karaa biratti argee itti gore; Garuu

baala malee womaa irraa hin

arganne. Innis, "lammata firii u

hin naqatini!" jedheen . Mukni

sunis yeruma sana goge.

20 Barattoonnis yommuu waan

kana arganitti ni ajaa'ibsiifatan;

"Mukni harbuu sun akkamitti

yeruma sanatti goge?" jedhaniis

gaafatan.

21 Yesuusis akkana jedhee deebise;

"Ani dhuguman isinitti hima;

Yoo amantii v 47

Maatewoos 21:23

qabaattan, yoo

mamuu baattanis, waan mukicha

irratti ta'e qofa otoo hin ta'in,

gaara kanaanillee, 'ka'i! galaanatti

darbatami!' yoo jettan ni ta'a.

22

Isin yoo amantii qabaattan waan

kadhannaan gaafattan cufa ni

argattu."

Gaafii waayee Aangoo Yesuusi

21:23-27 Kwf ⇒ Mar 11:27-33; Luq 20:1-8

23

Yesuusis otoo mana qulqul

lummaa seenee barsiisaa jiruu

luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni

sabaa gara isaa dhufanii,

o 12 ykn gomboo; p 12 ykn saphaliisa/

handarii; q 13 ykn olla; r 15 ykn qaallolee

gugurdoo; s 15 ykn mamaa/ajaa'ibsiisaa;

t 19 ykn odaa; u 19 ykn midhaani;

v 21 ykn dhugeeffachaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!