22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Maatewoos 24:22 56

hin dhufu. 22 Otoo guyyoonni sun

gabaabachuu baatanii silaa namni

tokkoyyuu hin hafu ture; Garuu

sababii warra filatamaniitiif guyyoonni

sun ni gabaabatu. 23 Yeroo

sana yoo namni kamiyyuu 'kunoo,

Kiristoos asi jira!’ yookiin 'achi

jira!' isiniin jedhe hin amaninaa z .

24

Kiristoosonni dharaatiifi raagonni

dharaa ni dhufuutii; Isaanis yoo

danda'ameef warra Waaqayyoof

filatamanillee gowwoomsuudhaaf

jedhanii milikkitaa fi dinqii a

gugurdaa ni hojjatu. 25 Kunoo ani

duraan dursee isinitti himeera.

26 "Kanaafis yoo isaan, 'kunnoo,

inni lafa onaa b keessa jira' isiniin

jedhan gadi hin ba'inaa; Yookaan

yoo isaan, 'kunoo, mana

keessa gola c jira' isiniin jedhan

hin amaninaa. 27 Akkuma balaqqeen d

baha biiftuutii balaqqisee hanga

lixa biiftuutti ibsu sana dhufaatiin

ilma namaas akkasuma ta'a.

28 e

Bakka raqni jiru hundumatti

allaattiin walitti qabamti.

29 "Dhiphinna bara sanaa booddees

yeruma sana,

" ' biiftuun ni dukkanoofti;

Ji'is ifa hin kennitu;

Urjoonni samii irraa ni

harca'u;

Humnoonni samiis ni

raafamu.'

30 "Yeroo sana milikkinni ilma

namaa samii irratti ni mullata;

Saboonni addunyaa martinuus ni

boowu; Isaanis otoo ilmi namaa

humnaan, ulfinna guddaadhaanis

duumessa samiitiin dhufuu ni

argu. 31 Innis maleekkota isaa

sagalee f magalataa g guddaa isaatiin

erga; Isaanis filatamtoota isaa

warra handaara samii tokko irraa

hanga isa kaaniitti jiran qilleensota

afran irraa walitti qabu.

32 "Barumsa kana muka harbuu h

irraa baradhaa; Yeroo dameen

isaa lattee baala baafattutti akka

bonni dhiyaate ni beettu. 33 Akkasumas

isin yommuu waan kana

cufa argitanitti akka inni dhiyaate,

akka balbala irras ga'e

beekaa! 34 Ani dhuguman isinitti

hima; Hanga wonni kun hundi

raawwatamutti i dhaloonni kun

hin dabru. 35 Samii fi lafti ni

dabru; Dubbiini koo garuu matumaa

j hin dabru.

Guyyaafi Sa'aatiini dhufaatii

isaa hin beekamu

24:37-39 Kwf ⇒ Luq 17:26,27

24:45-51 Kwf ⇒ Luq 12:42-46

36 "Waayee guyyaa sanaatiifi

sa'aatii sana garuu Abbaa qofattu

beeka malee namni tokkoyyuu

hin beeku; Maleekkonni samii

irraatii fi ilmiyyuu hin beekan.

37

Akkuma bara Nohi ta'e sana

z a

23 ykn hin dhugeeffatinaa; 24 ykn

baasaa/maadee/ajaa'ibaa; b 26 ykn aloo;

c d

26 ykn dhiibuu; 27 ykn angaasuun

e f

28 ykn goblolii; 31 ykn qoonqoo/

qoonqa; g 31 ykn malakkataa /faaggaa;

h i

32 ykn odaa; 34 ykn guutamutti

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!