22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 10:13 20

13 Nageenni keessan yoo mana

sanaaf male, mana sanaaf haa

ta'uu; Yoo isaaf hin malin garuu

nageenni keessan isiniif haa deebi'uu.

14 Yoo namni tokkolleen

isin simachuu baate yookiin dubbii

keessan dhagawuu baate, yeroo

mana yookiin magaalaa sanaa

baatanitti awwaara miila keessanii

dhadha'aadhaa. 15 Ani dhuguma

isinittin hima; Guyyaa

murtiitti waan magaalaa sana

irra ga'u irra kan Sodoomii fi

Gomoraa irra ga'u wayya.

16 Kunoo, ani akka hoolotaa gara

jidduu yeyyiitti y isin erga; Kanaaf

akka bofaa qaroo, akka gugees z

garraamii a ta'aa.

17 "Namoota irra uf-eegadhaa;

isaan dabarsanii gumii murtiitti

isin kennuutii; Mana sagadaa

isaanii keessattis isin garafu.

18 Isinis akka isaanii fi namoota

ormaatti dhugeessitoota taataniif

anaaf jettanii fuula bulchitootaatii

fi moototaa duratti ni dhiyeeffamtu.

19 Yommuu dabarsanii isin

kennanis akkamitti akka dubbattan

yookiin maal akka jettan hin

yaadda'inaa; Wonni isin dubbattan

yeruma sanatti isinii kennama.

20 Hafuura Abbaa keessaniittu isin

keessaa dubbata malee isin hin

dubbattaniitii.

21 "Obbolleessi dabarsee obboleessa

isaa du'atti kenna; abbaani

dabarsee mucaa isaa du'atti kenna;

Ijoolleenis warra isaaniitti ni ka'u;

isaan ijjeesus. 22 Namni martinuu

sababii kootiif jedhee isin jibba;

kan hanga dhumaatti obsu garuu

ni fayya. 23 Yommuu Magaalaa

tokko keessatti isin gaargalchan,

gara magaalaa kaaniitti baqadhaa;

Ani dhuguma isinitti hima;

Hanga ilmi namaa dhufutti

magaalota Israa'eli hundumaa

keessa naannoftanii waliin hin

geettan.

24 "Barataan tokko barsiisaa

isaatii oliimiti; garbichis gooftaa

isaatii olii miti. 25 Barataan tokko

akka barsiisaa isaa ta'uun, garbichi

tokko immoo akka gooftaa

isaa ta'uun ni gaha: Erga abbaa

manaatiin 'Bi'eelzebuul' jedhanii,

worra mana isaa jiraataniin ammoo

hagam kana caalaa hin

jenne ree?

26 "Kanaaf isaan hin sodaatinaa;

Wonni hagoogamee otoo hin

mullifamin hafu yookaan wonni

dhoffamee otoo ifatti hin baafamin

hafu hin jiruutii. 27 Waan ani dukkana

keessatti isinitti himu ifa

keessatti odeessaa; Waan hasaasaan

dhageessan bantii b manaa koraatii

labsaa. 28 Warra foon malee lubbuu

ijjeessuu hin dandeenye hin sodaatinaa;

Qooda kanaa isa foonii

fi lubbuu gahaannam keessatti

balleessuu danda'u sana sodaadhaa.

29 Simbirroonni c lama beessee

y 16 ykn ya'ii, z 16 ykn saphaliisaa/handarii,

a 16 ykn fayyaaleyyii /garaa toleeyyii;

b 27 ykn fiixee, c 29 ykn simphirreeni

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!