22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

isaanii keessatti barsiisaa, wangeela

mootummaa lallabaa, akkasumas

dhibee fi dhukkuba gosa

cufaa irraa namoota fayyisaa

magaalotaa fi gandoota cufa keessa

naanna'aa ture. 36 Innis yommuu

tuuta namootaa argetti garaa

laafeef; Isaan akkuma hoolota o

tissituu hin qabneetti cinqamanii,

gatamaniis turaniitii. 37 Barattoota

isaatiinis akkana jedhe; "Oomishni p

walitti qabamu baayyee dha;

Hojjattoonni garuu muraasa q .

38

Kanaaf akka gooftaan oomisha

sanaa gara oobruu r oomisha isaatti

hojjattoota erguuf kadhadhaa."

Yesuus Barattoota Kudhanii

Lamaan Erguu Isaa

10:2-4 Kwf ⇒ Mar 3:16-19; Luq 6:14-16 ;

HuE 1:13

10:9-15 Kwf ⇒ Mar 6:8-11; Luq 9:3-5; 10:4-12

10:19-22 Kwf ⇒ Mar 13:11-13; Luq 21:12-17

10:26-33 Kwf ⇒ Luq 12:2- 9

10:34-35 Kwf ⇒ Luq 12:51-53

Yesuus barattoota isaa 10 kudhanii lamaan ofitti

waamee akka isaan hafuurota

xuraawoo baasaniif, dhibee fi

dhukkuba hundumaas akka fayyisaniif

aangoo s isaaniif kenne.

2 Maqaan ergamtoota kudhaniilamaaniis

kana: Inni jalqabaa

Simoon isa Pheexiroos jedhamuu

fi obboleessa isaa Indiriyaas,

Yaaqoob ilma Zabdewoosiitii fi

obboleessa isaa Yohaannis, 3 Filiphoos,

Bartoloomewoos, Toomaas,

Maatewoos isa qaraxa walitti

19

qabu, Yaaqoob ilma Ilfiyoosiitii

fi Taadewoos, 4 Simoon hinaaftichaa,

Yihuudaa Asqorooticha

isa Yesuusin dabarsee kenne.

5 Yesuus yommuu warra kudhanii-lamaan

kanneen ergetti

akkana jedhee isaan ajaje; " Gara

namoota ormaa hin dhaqinaa;

Magaalota t Samaariyaa tokkollee

hin seeninaa. 6 Qooda kanaa

gara hoolota mana Israa'eli kanneen

badan sanaa dhaqaa. 7 Yommuu

dhaxxanis,'Mootummaan

Samii dhiyaateera' jedhaa lallabaa.

8 Dhukkubsattoota u fayyisaa;

Warra du'an kaasaa; Warra

lamxaa'an v qulqulleessaa; Jinnii

baasaa; Tola waan argattaniif

toluma kennaa. 9 Warqii yookiin

meetii yookiin sibiila diimaa

qabattanii hin deeminaa. 10 Imala

keessaniifis korojoo yookiin qomee w

lama yookiin kophee yookiin

ulee hin baatinaa; Hojjataaf waan

isa barbaachisu argachuun ni

malaatii.

11 "Yommuu Magaalaa yookaan

ganda kamiyyuu seentanitti nama

isin simachuu fedhu barbaadaa;

Hanga achii deemtanittis mana

isaa turaa. 12 Yommuu mana sana

seentanis nagaya gaafadhaa x

Maatewoos 10:12

o 36 ykn ooliyyee; p 37 ykn midhaan; q 37 ykn

diqqoo; r 38 ykn maasii /maasaa; s 1 ykn

jabeenna; t 5 ykn dira; u 8 ykn warra fayyaa

hinta'in; v 8 ykn qomaaxaa; hiikkaani Girikii,

lamxii qofa otoo hinta’in dhukkuba gogaa

nafa namaa miidhu agarsiisa, w 10 ykn gorjoo

ykn ubbaara; x 12 ykn nagaya fuudhaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!