22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

cubbuu namaa dhiisuuf aangoo w

qabu akka beettaniif ta'e." Eegasiis

namicha laamsha'aa sanaan,

"Ka'i; siree kee fudhadhuutii mana

keetti gali" jedheen. 7 Namichis

ka'ee mana isaatti gale. 8 Namoonnis

yommuu waan kana arganitti

akka malee sodaatan; Waaqa

aangoo akkasii namootaaf

kenneefis ulfinna kennan.

Waamamuu Maatewoosi

9:9-13 kwf ⇒ Mar 2:14-17; Luq 5:27-32

9 Yesuus achii ka'ee otoo deemuu

namicha Maatewoos jedhamu

tokko otoo inni bakka x itti qaraxa

walitti qaban taa'uu argee, "na

hordofi!" jedheen; Maatewoosis

ka'ee isa hordofe.

10

Yommuu Yesuus mana Maatewoositti

irbaatatti dhiyaatetti

worri qaraxa wolitti qabaniifii

cubbamtoonni baay'een dhufanii

isaa fi barattoota isaa wajjiin

taa'an. 11 Fariisonnis yommuu waan

kana arganitti, "barsiisaan keessan

maaliif warra qaraxa walitti

qabanii fi cubbamtoota waliin

Nyaata?" jedhanii barattoota isaa

gaafatan.

12

Yesuusis waan kana dhageennaan,

akkana isaaniin jedhe;

"Ogeessi fayyaa tokko warra

dhukkubsataniif y malee warra

fayyaa qabaniif hin barbaachisu.

13

Garuu dhaqaatii dubbiin, 'ani

araara hawwa malee aarsaa z hin

hawwu' jedhu sun maal jechuu

akka ta'e hubadhaa; Ani cubbam-

17

toota waamuuf dhufe malee qajeeltota

waamuuf hin dhufneetii.

Gaafii Waayee Soomaa

9:14-17 kwf ⇒ Mar 2:18-22; Luq 5:33-39

14

Barattoonni Yohaannisis gara

Yesuusi dhufanii, "Sababiin otoo

nuu fi Fariisonni soomnuu barattoonni

kee hin soomneef maali?"

jedhanii isa gaafatan.

15 Yesuusis akkana jedhee deebiseef;

"Keessummoonni cidha a

fuudhaa fi heerumaa yeroo dhiirsii

misirroo b isaan bira jirutti

gadduu c ni dandawuu? Yeroon

itti dhiirsii misirroo isaan biraa

fudhatamu ni dhufa; Isaanis yeroo

sana soomuu ni danda'u.

16 "Namni uffata moofaa d irratti

erbaa e haaraya hodhu tokkolleen

hin jiru; Erbaan sun uffata sana

tarsaasaatii; Tarsaani uffata

sanaas isa duraa sana ni caala.

17

Akkasuma immoo namni

daadhii wayinii haaraya qalqalloo

f moofaatti naqu tokkoyyuu

hin jiru; Yoo inni itti naqe

qalqallichi ni dhooha g ; daadhiinis

ni dhangala'a; qalqalloonis

horoomaa ba'a. Daadhiin wayinii

haarayii h Maatewoos 9:17

garuu yoo qalqalloo

haarayatti naqame lachanuu

yeroo dheeraa turu.

w 6 ykn jabeenna; x 9 ykn fulaa; y 12 ykn

fayyaa hinqamneef; z 13 ykn sooriyoo;

a 15 ykn jila; b 15 ykn ashilaa; c 15 ykn

laaleffachuu; d 16 ykn dullattii; e 16 ykn

erbee; f 17 ykn gorjoo; g 17 ykn tarsa'a;

h 17 ykn haarofni

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!