22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Maatewoos 25:39 60

arginee si simanne? Yookiin yoom

daartee si arginee daara si baafnee?

39 Yoom dhukkubsattee yookaan

hidhamtee si arginees dhufnee

si ilaalle?'

40 "Mootiin sunis deebisee, 'ani

dhuguman isinitti hima; waan

Obboleeyyan kiyya warra nama

hundumaa gadi ta'an kanneen

keessaa isa tokkoof gootan

kamiyyuu naa gootan' jedhaan.

41 "Eegasiis wara karaa bitaa

isaa jiraniin akkana jedha; 'Isin

abaaramoonana, na duraa badaatii

ibidda barabaraa isa daabiloosii

fi maleekkota isaatiif qopheeffametti

galaa. 42 Sababiin isaa ani

beelofnaan isin waan ani nyaadhu

naa hin kennine; dheebonnaan

waan ani dhugu naa hin kennine;

43 Ani nama biyya ormaa ture;

isin na hin simanne; ani daarraan

isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan

yookiin hidhamnaan

dhuftanii na hin ilaalle.'

44 "Isaanis, 'yaa gooftaa, ati

yoom beeloftee yookiin dheebottee

yookiin nama biyya ormaa

taatee yookiin daartee yookiin

dhukkubsattee yookiin hidhamtee

si arginee si gargaaruu dinne?'

jedhanii deebisu.

45 "Innis deebisee, 'Ani dhuguman

isinitti hima; Waan obboleeyyan

kiyya warra nama hundumaa

gadi ta'an kanneen keessaa

isa tokkoofillee hin godhin

naafis hin goone' jedha.

46 "Yommus isaan kunniin adaba

barabaraatti, qajeeltonni immoo

jireenya barabaraatti galu."

Marii Yesuusitti Mariyatame

26:2-5 Kwf ⇒ Mar 14:1,2; luq 22:1,2

Yesuus ergaa waan kana 26 cufa dubbatee fixee booddee

a barattoota isaatiin akkana

jedhe; 2 "Ayyaanni faasiikaa guyyaa

lama booddee akka ta'u isin

beettu; Ilmi namaas fannifamuuf

dabarfamee ni kennama."

3 Yommus luboonni hangafoonnii

b fi maanguddoonni uumataa

mana luba olaanaa isa Qayyaaffaa

jedhamuutti walitti qabaman.

4 c

Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin

qabuu fi ijjeesuuf mariyatan. 5 Garuu,

"akka namoota jidduutti

gooliin d hin uumamneef nu yeroo

ayyaanaatti waan kana gochuu

hin qamnu" jedhan.

Yesuus Biitaaniyaatti Urgooftuu

Dibamuu isaa

26:6-13 Kwf ⇒ Mar 14:3-9

26:6-13 Wbq ⇒ Luq 7:37,38; Yoh 12:1-8

6 OtooYesuus Biitaaniyaa keessa

mana Simoon isa lamxaa'aa e

sanaa jiruu, 7 dubartiin tokko dibata

urgaa'aa gatiin isaa akka malee

guddaa ta'e bilqaaxxii f albaasxiroosiitti

qabattee gara isaa

dhufte; Akkuma inni maaddiitti

a1 ykn duubatti; b 3 ykn qaallolee gugurdoo;

c 4 ykn malteen; d 5 ykn lolli;

e 6 ykn hiikaani tokko tokko qomaaxaa

jedha; f 7 ykn killa /buudaa dhadhaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!