22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Maatewoos 26:52 64

52 Yesuusis akkana jedheen;

"Goraadee kee bakka isaatti deebisi;

Warri goraadee luqqifatan

hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii.

53 Ati waan ani Abbaa

kootti iyyachuu hin dandeenne,

waan innis yeruma sana maleekkota

Leegiyoonii a kudhanii lamaa

olii naa hin ergine seetaa? 54 Otoo

akkas ta'ee immoo wonni kitaabonni

qulqulluun, 'Karaa kanaan

ta'uu qaba' jedhan sun akkamitti

raawwatama b ree?"

55 Yommus Yesuus tuuta sanaan

akkana jedhe; "Isin goraadee fi

bokkuu qabattanii akka nama

hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii?

Ani guyyuma guyyaan

mana qulqullummaa keessa taa'ee

barsiisaa ture; Isinis na hin qabne.

56

Kuni martinuu garuu akka

katabbiiwwan raagotaa c fiixa

ba'aniif ta'e." Barattoonni martinuu

yommusuma isa dhiisanii

baqatan.

Yesuus Yaa'ii Yihuudootaa

Duratti Dhiheeffamuu isaa

26:57-68 Kwf ⇒ Mar 14:53-65;Yoh

18:12,13, 19 -24

57 Warri Yesuusin qaban sunis

gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa

jedhamuu bakka barsiistota

seeraatii fi maanguddoonni

itti walitti qabamaniitti isa geessan.

58 Pheexiroos garuu hanga

keellaa d mana lubicha ol aanaatti

fagootti Yesuus hordofe. Innis

waan ta'uuf jiru arguuf jedhee ol-

lixee waardiyoota e waliin taa'e.

59 Luboonni hangafoonni, yaa'iin

Yihuudotaa cuftinuus Yesuusin

ijjeesuuf jedhanii ragaa dharaa

isa irratti barbaadaa turan. 60 Isaan

yoo dhugaa-baatonni f dharaa

hedduun dhiyaatanillee waan

tokkollee hin arganne.

Dhuma irratti garuu dhugaabaatonni

lama dhufanii, 61 "Namichi

kun,' ani mana qulqullummaa

Waaqayyoo diiguu, guyyaa sadiittis

deebisee ijaaruu nan danda'a'

jedheera" jedhan.

62 Lubni ol aanaanis ka'ee dhaabatee,"

Ati deebii tokkollee hin

qabduu? Wonni jarri kunneen

dhugaa sitti ba'an kun maali?"

jedhee Yesuusin gaafate. 63 Yesuus

garuu calluma jedhe.

Lubni ol aanaan, "ani Waaqa

jiraataadhaan sin kakachiisa; Ati

yoo Kiristoos Ilma Waaqaa taate

nutti himi" jedheen.

64 Yesuusis deebisee, "Atuu jetteerta.

Ani garuu isinitti nan

hima; Kana booddee ilma namaa

isa karaa harka mirga isa humna

qabeessa sanaa taa'u, duumessa

samiitiinis isaa dhufu ni agartu"

jedhe.

65 Kana irratti lubni ol aanaan

sun uffata ufii isaa tarsaasee akkana

jedhe; "Ilaa inni Waaqa

a 53 ykn leegiyooniini Roomaa tokkichii

loltoota kuma ja'aa qabata; b 54 ykn

guutama; c 56 ykn raajotaa; d 58 ykn

cichaa; e 58 ykn eedduwwan; f 60 ykn

dhugeessitoonni /rageessitoonni

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!