22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

yeroo dhufaatii ilma namaattis

akkasuma ta'a. 38 Bara bishaan

badiisaatiin dura ture sana, hanga

gaafa Nohi bidiruu k seeneetti,

namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa,

heerumaas turan. 39 Isaanis

hanga bishaan badiisaa dhufee

cufa isaanii fudhatee badetti waan

tokkollee hin beenne; Yeroo ilmi

namaa dhufuttis akkasuma ta'a.

40 Gaafas namoonni lama Oobruu

keessa hojjatu; Inni tokko ni

fudhatama; Kaan immoo ni dhiifama.

41 Dubartoonni lama dhagaa

daakuutiin daaku; Isiini tokko

ni fudhatamti; Isiin taan immoo

ni dhiifamti.

42 "Egaa gooftaan keessan yoom

akka dhufu isin waan hin beenneef

uf-eegadhaa. 43 Garuu waan

kana hubadhaa; Abbaan manaa

tokko halkan keessaa otoo yeroo

itti hattuun dhuftu beekee, dammaqee

eegata malee akka hattuun

mana isaa cabsitee seentu

hin dhiisu ture. 44 Kanaaf isinis

qophaa'aa! Ilmi namaa yeroo isin

quba hin qabaatinitti ni dhufaatii.

45 "Egaa garbichi amanamaa fi

hubataan kan gooftaan isaa akka

inni nyaata isaanii yeroo malutti

isaanii kennuuf jedhee garboota

mana isaa jiraatan irratti muude l

isa kami? 46 Garbichi Gooftaan

isaa yommuu deebi'utti otoo inni

akkasuma hojjatuu isa argu sun

eebbifamaa dha. 47 Ani dhuguma

isinitti hima; Gooftaan isaa qa-

beenya isaa hundumaa irratti isa

muuda. 48 Garbichi sun garuu yoo

hamaa ta'e, 'gooftaan kiyya dafee

hindeebiwu' jedhee, 49 Garboota isa

waliin tajaajilan tumuu, machooftota

waliin immoo nyaachuufi

dhuguu jalqaba. 50 Gooftaan garbicha

sanaas guyyaa inni itti isa

hin eegnee fi sa'aatii inni hin

beennetti ni dhufa. 51 Innis akka

malee isa adaba; Qooda isaas

qooda fakkeessitootaa m waliin

tokko godha; Achittis namoonni

ni boowu; ilkaan isaaniis ni

qaru."

Fakkeenya Dubara Kudhannanii

"Yeroo sana Mootummaan 25 samii dubara kudhan

kanneen ibsaa isaanii fudhatanii

dhiirsa misirroo n simachuudhaaf

gadi ba'an fakkaata. 2 Isaan keessaas

shan gowwaa, shan immoo

qaroo turan. 3 Warri gowwaan

ibsaa isaanii fudhatan malee,

zayitii-boba'u hin fudhanne. 4 Worri

qaroon garuu ibsaa isaanii wajjiin

zayitii qodaatti o qabatanii

turan. 5 Dhiirsi misirroo sun turraan

hundumti isaanii mugan; ni rafanis.

6 "Halkan walakkaattis sagaleen p

57

Maatewoos 25:6

guddaan, 'kunoo, dhiirsi misirroo

dhufeera! ba'aatii isa simadhaa!'

jedhu tokko dhagayame.

j 35 ykn akkanallee jettee; k 38 ykn hoboloo;

l 45 ykn moosise /shuume; m 51 ykn

kijjibdootaa; n 1 ykn abbaa fuudhaa; o 4

ykn meeshaatti; p 6 ykn qoonqooni/

qoonqi

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!