22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

yeroon itti oomisha z wayinii walitti

qaban geennaan akka isaan oomisha

isaa fuudhaniifiif tajaajiltoota

a isaa gara qottuuwwan

sanaatti erge.

35 "Qottuuwwan sunis tajaajiltoota

namichaa qabanii, isa tokko

ni reeban b ; Isa kaan ni ajjeessani;

Isa sadaffaa immoo dhagaan tuman.

36 Ammas tajaajltoota warra

duraa caalaa baay'atan dhibii

erge; Qottuuwwan sunis akkuma

warra duraa isaan godhan. 37 Gara

dhumaattis, 'ilma kiyya ni kabaju

ta'a' jedhee ilma isaa isaanitti erge.

38 "Qottuuwwan sun garuu yommuu

ilma namichaa arganitti,

'dhaaltuun isaa isa kana. Koottaa

isa ajjeefnee dhaala isaa fudhannaa!'

Waliin jedhan. 39 Isas qabanii,Oobruu

wayinichaa keessaa

gadi baasanii ajjeessan.

40 "Egaa abbaan Oobruu wayinichaa

yommuu deebi'ee dhufutti;

qottuuwwan sana maal godhinna

laata?"

41 Isaanis, "inni namoota hamoo

sana haala gaddisiisaan c ni balleessa;

Oobruu wayinichaas qottuuwwan

yeroo yerootti oomisha isaa kennaniifitti

dabarsee ni kenna" jedhanii

deebisan.

42

Yesuusis akkana isaaniin jedhe;

"Isin dubbii kitaabota Qulqulluu

keessatti,

" 'Dhagaani ijaartonni tuffatan,

dhagaa golee d ta'eera;

kanas gooftaattu godhe;

49

Kun immoo ija keennaaf e

baasa' jedhu sana takkumaa

hin dubbifnee?

43 "Kanaaf ani isinittin hima;

Mootummaan Waaqayyoo isin

irraa fudhatamee saba firii malu

godhatutti ni kennama. 44 Namni

dhagaa kana irratti kufu f ni bututa;

Namni dhagichi irratti lafa

dhawu garuu ni miciriqa g ."

45 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni

yommuu fakkeenyawwan

Yesuus dubbate sana dhaga'anitti

akka inni waayee isaanii dubbate

hubatan. 46 Isaanis isa qabuu barbaadaa

turan; Garuu sababii

namoonni sun Yesuusin akka

raaga tokkootti ilaalaa turaniif

isa qabu sodaatan.

Fakkeenya Cidha Fuudhaa Fi

Heerumaa

22:2-14 Kwf ⇒ Luq 14:16-24

Yesuus ammas akkana 22 jedhee fakkeenyaan isaanitti

dubbate; 2 "Mootummaan samii

mootii ilma isaatiif cidha h fuudhaa

qopheesse tokko fakkaata. 3 Innis

akka isaan warra cidha sanatti

affeeraman i waamaniif garboota

isaa erge; warri waamaman sun

garuu dhufuu didan.

4 "Ammas akkana jedhee garboota

biraa j Maatewoos 22:4

erge;' Kunoo ani

z a b

34 ykn midhaani; 34 ykn hojjattoota; 35 ykn

c

dhaanan; 41 ykn laaleffachiisaani;

d e

42 ykn mikikkila; 42 ykn ila teennatti;

f g h

44 ykn jigu; 44 ykn macara; 2 ykn

jila; i 3 ykn waamaman; j 4 ykn dhibii

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!