22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 13:44 30

biiftuu ni ifu; Namni gurra dhagawu

qabu haa dhagawuu.

Fakkeenya Qabeenya Dhoffameetii

Fi Lulaa

44

"Mootummaan samii qabeenya

oobruu keessatti dhoffame

fakkaata. Namni tokkos qabeenya

kana argatee deebisee dhosse;

Innis waan akka malee gammadeef

dhaqee waan qabu cufa gurguree

oobruu sana bitate.

45 "Akkasumas mootummaan

samii daldaltuu lula j dansaa barbaaddu

tokko fakkaata. 46 Daldaltuun

sunis lula gatii guddaa tokko

argatte; innis dhaqee waan qabu

hundumaa gurguree lula sana bitate.

Fakkeenya Xaxoo

47 "Akkasumas Mootummaan

samii xaxoo galaanatti darbatamee

qurxummii gosa mara walitti

qabe fakkaata. 48 Yeroo xaxoon

sun guutamettis qurxummii qabdoonni

gara qarqara Galaanaatti

isa harkisan. Eegasiis tataa'anii

qurxummii gagaarii filanii qodaa

isaaniitti naqatan. Qurxummii

gadhee immoo ni gatan.

49

Dhuma biyya lafaattis akkasuma

ta'a. Maleekkonni Waaqayyoos

dhufanii warra hamoofi

warra qajeeltota gargari baasu.

50

Warra hamoo sana boolla ibiddaatti

darbatu; achittis namoonni

ni boo'u; ilkaan isaaniis ni qaru."

51 Yesuusis, "Waan kana cufa

hubattaniirtuu?" jedhee isaan

gaafate.

Isaanis, "eeyee!" jedhanii deebisan.

52 Innis, "Kanaaf barsiisaan seeraa

kan barataa mootummaa samii

ta'e kamiyyuu abbaa manaa kan

qabeenya haarayaa fi mofaa k

mana mi'a isaa keessaa gadi

baasu tokko fakkaata" jedheen.

Raajaa Tuffatame

13 : 54 - 58 Kwf ⇒ Mar 6 : 1 - 6

53 Yesuus erga fakkeenna kana

dubbatee fixatee booddee achii

ka'ee deeme. 54 Innis gara biyya

isaa dhaqee mana sagadaa

isaanii keessatti namoota barsiisuu

jalqabe. Isaanis maadeffatanii

akkana jedhan; "Namichi

kun ogummaa kanaa fi humna

ittiin hujii maadee hojjatu kana

eessaa argate? 55 Inni ilma anaaxii l

sanaatii mitii? Haati isaas Maariyaam

jedhamtii mitii? Obboleeyyan

isaas Yaaqoob, Yooseef,

Simoonii fi Yihuudaa mitii?

56

Obboleettonni isaa hundinuu

nu bira jiruu mitii? Yoos namichi

kun waan kana hundumaa eessaa

argate ree?" 57 Isaanis isatti gufatan.

Yesuus garuu, "Raagni tokko

biyya isaatii fi mana isaatti malee

bakka cufatti ulfinna qaba" jedheen.

58 Innis sababii amantii m

dhabiisa isaaniitiif hujii dinqii

j 45 ykn dooqa/callee; k 52 ykn dullacha;

l 55 ykn namicha muka bocu/ soofu;

m 58 ykn dhugeeffachaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!