22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Maatewoos 27:6 66

6 Luboonni hangafoonnis beessee

meetii sana fuudhanii, "beesseeni

meetii kun waan gatii dhiigaa

ta'eef horii mana qulqullummaatti

ida’uuni seeraa mitti" jedhan.

7

Isaanis waliin mariyatanii akka

namoota biyya ormaatiif bakka o

awwaalaa ta'uuf horii sanaan

lafa namicha suphee p dha'u

tokkoo bitan. 8 Kanaaf lafti sun

hanga hardhaatti, "lafa dhiigaa"

jedhamee waamama. 9 Kanaanis

dubbiini Ermiyaas raajichi q dubbate

sun ni raawwatame r ; Innis

akkana jedha; "Isaanis beessee

meetii soddoma, gatii isaa kan

ijoolleen Israa'eli isatti shallagan

sana fuudhanii, 10 Akkuma

gooftaan na ajajetti lafa namicha

suphee dha'u sanaa ittiin bitan."

Yesuus Fuula Philaaxoosi duratti

Dhiyeeffamuu Isaa

27 : 11 - 26 Kwf ⇒ Mar 15 : 2 - 15;

Luq 23 : 2 , 3 , 18 - 25;

Yoh 18 : 29 - 19 : 16

11 Yommus Yesuus fuula bulchaa

biyyaa dura dhaabate; bulchaani

biyyaa sunis,"ati mootii

Yihuudotaatii?" jedhee isa gaafate.

Yesuusis deebisee, "atuu jetteerta"

jedhe.

12 Inni garuu yeroo luboonni

hangafoonnii fi maanguddoonni

isa himatanitti deebii tokkollee

hin kennine. 13 Philaaxoosis," akka

isaan waan meeqaan t si himatan

ati hin dhageettuu?" jedheen.

14

Yesuus garuu himata tokko-

fillee deebii hin kennine; Kanaaf

bulchaani biyyaa sun akka malee

ajaa'ibsiifate u .

15 Bulchaani biyyaa sun nama

hidhame tokko akkuma fedhii

sabaatti guyyaa ayyaanaatiin

sabichaaf gadi dhiisuu amala

godhatee ture. 16 Yeroo sana namichi

Barbaan jedhamu kan yakka

hojjachuudhaan beekamu tokko

mana hidhaa ture. 17 Kanaaf yommuu

isaan walitti qabamanitti

Philaaxoos, "akka ani isa kam

gadi isinii dhiisu barbaaddu?

Barbaan moo Yesuus isa Kiristoos

jedhamu sana?" jedhee

isaan gaafate. 18 Akka isaan

hinaaffaadhaan dabarsanii isa

kennan ni beeka tureetii.

19 Otoo Philaaxoos barcumaa

murtii irra taa'uu niitiini isaa,

"namicha qajeelaa sana hin tuqin;

Ani eda sababii isaatiif abjuudhaan

akka malee dhiphadheeraatii"

jettee itti dhaamte.

20 Luboonni hangafoonnii fi

maanguddoonni akka Barbaan

gadi dhiifamee, Yesuus immoo

ijjeefamu akka kadhataniif

namoota sossoban.

21 Bulchaani biyyaa sun," isaan

lamaani kanneen keessaa akka ani

isa kam gadi isinii dhiisu barbaaddu?"

jedhee ammas gaafate.

o7 ykn fulaa; p 7 ykn faara; q 9 ykn

raagichi; r 9 ykn guutame/fiixa ba'e;

s 9 ykn dhundhuman; t 13 ykn hagamiin;

u 14 ykn dinqifate /maadeffate

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!