22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 26:24 62

harka kaa'ee cuuphate dabarsee

na kenna. 24 Ilmi namaalleen akkuma

waayeen isaa barreeffame sanatti

du'uu dhaqa; Garuu namicha dabarsee

ilma namaa kennu sanaa

wayyoo! Namni sun otoo dhalachuu

baatee isaa wayya ture."

25 Yihuudaan inni dabarsee isa

kennuuf jiru sunis, "yaa barsiisaa,

ana ta'innaa laata?" jedhe.

Yesuusis "atiyyuu jette ka!"

jedhee deebise.

26 Otoo nyaachuuti jiranuus

Yesuus buddeena fuudhee eebbise;

cabsees, "fudhadhaatii nyaadhaa;

kun foon kooti" jedhee

barattoota isaatiif kenne.

27 Xuwwaas q fuudhee eegii

galata galchee booddee isaaniif

kenne; Akkanas jedhe; " Hundi

keessan kana irraa dhugaa; 28 Kun

dhiiga kiyya, dhiiga kakuu

haarayaa; kan dhiifama cubbuu

namoota baayyeetiif dhangalaafamuudha.

29 Ani isinitti nan hima;

Ani hanga guyyaa isin waliin

Mootummaa Abbaa kiyyaa keessatti

bifa haarayaan isa dhugutti

ammaa jalqabee firii r wayinii

kana irraa deebi'ee hin dhugu."

30 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii

booddee gaara ejersaatti

ol-ba'an.

Yesuus Akka Pheexiroos Isa Ganu

Duraan Dursee Dubbachuu Isaa

26:31-35 Kwf ⇒ Mar 14:27-31; Luq

22:31-34

31 Yommus Yesuus akkana

isaaniin jedhe; "cufti keessan

edana sababii kiyyaaf ni gufattu;

Akkana jedhamee barreeffameeraatii:

" ' Ani tissituu nan rukuta s ;

hoolonni t karra sanaas ni bittinneeffamu;'

32 Garuu ani erga kaafamee

booddee isin dura Galiilaa nan

dhaqa."

33 Pheexroos immoo deebisee,

"yoo hundi isaanii sababii keetiif

gufatanillee ani matumaa u hin

gufadhu" jedheen.

34 Yesuus ammoo deebisee,

"ani dhuguma sitti nan hima; Ati

edana otoo kormii lukkuu v hin

iyyin yeroo sadii na ganta w "

jedheen.

35 Pheexiroos garuu, "yoo si

waliin du'ellee ani matumaa si

hin ganu" jedheen. Barattoonni

martinuus akkasuma jedhan.

Yesuus Geetesemaaniitti Kadhachuu

Isaa

26 : 36-46 Kwf ⇒ Mar 14 : 32 - 42;

Luq 22 : 40 - 46

36 Ergasiis Yesuus barattoota

isaa waliin bakka Geetesemaanii

jedhamu tokko dhaqe; Innis,

"hanga ani bakka sana dhaqee

Waaqa kadhadhutti isin asi taa'aa"

q 27 ykn buduunuu/waaccaa; r 29 ykn

midhaani mukaa; s 31 ykn indha'a; t 31

ykn ooliyyeeni; u 33 ykn akkanallee

jedhee; v 34 hiikaan tokko tokko indaanqoo

jedha; w 34 ykn na mormatta

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!