22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 27:36 68

36

Isaanis achi taa'anii isa eegaa

turan. 37 Mataa isaa gararraanis c

katabbii waan inni ittiin himatame

beessisu tokko kaa'an; Katabbiini

sunis, "YESUUS, MOOTICHI

YIHUUDOTAA ISA KANA"

jedha. 38 Saamtonni lamas, tokko

karaa harka mirga isaatti, kaan

immoo karaa harka bitaa isaatti

isa waliin fannifaman. 39 Warri

achiin dabranis isa arrabsaa turan;

Mataa isaaniis raasanii d , 40 "Ati kan

mana qulqullummaa diiddee, guyyaa

sadii keessatti deebittee

ijaartu, mee uf-oolchi! ati yoo

ilma Waaqayyoo taate fannoo

irraa gadi-bu'i" jedhan.

41 Akkasumas luboonni hangafoonni,

barsiistonni seeraatii fi

maanguddoonni isatti qoosan.

Akkanas jedhan; 42 "Inni warra

kaan oolcheera; ufii isaa garuu

oolchuu hin danda'u; Inni yoo

mootii Israa'eli ta'e amma fannoo

irraa gadi haa bu'uu; Nuus isatti

ni amannaa e . 43 Inni Waaqa amanata;

Waaqayyoo yoo isa jaalate,

mee amma isa haa oolchuu; inni,

'ani ilma Waaqayyoo ti' jedheeraatii."

44 Saamtonni isa wajjiin

fannifamanis akkasuma

jedhanii isa arrabsan.

Yesuus Du'uu Isaa

27 : 45 - 56 Kwf ⇒ Mar 15 : 33 - 41 ;

Luq 23 : 44 - 49

45 Sa'aatii ja'affaadhaa jalqabee

hanga sa'aatii sagalaffaatti dukkanni

lafa hunduma irra bu'e.

46

Gara Sa'aatii sagalaffaatti Yesuus

sagalee f guddaadhaan,

"Eloohee, eloohee, laamaa Sabaaqitaanii?"

jedhee iyye; hiikkaani

isaas, "yaa Waaqa kiyya,

yaa Waaqa kiyya, ati maaliif na

dhiifte?" jechuu dha.

47 Namoota achi dhadhaabatan

keessaa tokko tokko yommuu

waan kana dhaga'anitti, "namichi

kun Eliyaasin waama" jedhan.

48 Yommusuma isaani keessaa

inni tokko fiigee dhaqee ispoonjii

g fidee, daadhii wayinii dhangaggaa'aa

keessa cuuphee fiixee

uleetti kaa'e; Akka inni dhuguufis

Yesuusiif kenne. 49 Warri

kaan garuu, "dhiisaa mee, akka

Eliyaas dhufee isa oolchu arginaatii!"

jedhan.

50 Yesuus ammas qoonqa guddaadhaan

iyyee lubbuu isaa kenne.

51 Yeruma sana golgaan h mana

qulqullummaa olii hanga gadiitti

bakka lamatti tarsaafame; Lafti

ni sochoote; qarsaawwanis ni

babbaqaqan.

52 Awwaalonnis

banamanii qulqulloonni du'anii

turan hedduun du'aa kaafaman.

53 Isaanis du'aa ka'iisa Yesuusi

booddee awwaala keessa ba'anii

magaalattii i qulqulluu seenan.

Namoota hedduuttis mullatan.

c 37 ykn gararroon; d 39 ykn hargufatanii;

e 42 ykn in dhugeeffannaa; f 46 ykn

qoonqoo/qoonqa; g 48 ykn cumaa

buqqee/bututtuu laaftuu; h 51 ykn gollii;

i 53 ykn dira

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!