22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Yesuus Ammas Waayee Du'uu

Isaa Dubbate

20:17-19 Kwf ⇒ Mar 10:32-34; Luq 18:31-33

17 Yesuus otoo Yerusaalemitti

ol-ba'aa jiruu barattoota kudhanii

lamaan kophaatti baasee akkana

jedheen; 18 "Kunoo nu amma Yerusaalemitti

ol-ba'aa jirra; Ilmi namaas

dabarfamee luboota hangafootattii

b fi barsiistota seeraatti

ni kennama; Isaanis du'a itti muru.

19

Akkasumas akka isaan isatti

ga'isaniif c , akka isa garafanii fi

akka isaan isa fannisaniif dabarsanii

namoota ormaatti isa kennu;

Innis guyyaa sadaffaatti du'aa ni

kaafama."

Gaafii Haadha Ilmaan Zabdeewoosi

20: 20 -28 Kwf ⇒ Mar 10:35-45

20 Ergasiis haati ilmaan Zabdeewoosi,

ilmaan ishii waliin gara

Yesuusi dhuftee miila isaa irratti

kuftee d waa isa kadhatte.

21 Yesuusis, "ati maal barbaadda?"

jedheen.

Isiinis, "Akka ilmaan koo kunneen

lamaan mootummaa kee

keessatti, inni tokko karaa harka

mirga keetii, inni kaan immoo

karaa harka bitaa keetii taa'u naa

godhi" jetteen.

22 Yesuusis, "isin waan kadhattan

hin beettan; Xuwwaa e ani

dhuguuf jiru dhuguu ni dandeettuu

ree?" jedheen.

Isaanis, "ni dandeenya" jedhanii

45

deebisan.

23 Yesuusis deebisee, "xuwwaa

kiyya irraallee ni dhuddu; garuu

karaa harka mirga kiyyaa yookiin

karaa harka bitaa kiyyaa taa'uu

kennuun hujii kiyyaa miti. Bakki

f kun kan warra Abbaan kiyya

isaaniif jedhee isa qopheesseeti"

jedheen.

24 Baratoonni kudhannan yommuu

waan kana dhaga'anitti obboleeyyan

lamaanitti dheekkaman.

25 Yesuus garuu ofitti isaan

waamee akkana jedheen; "Bulchitoonni

namoota ormaa gooftummaadhaan

saba isaanii akka bulchan,

gugurdoonni isaaniis saba

isaanii irratti aangoo g qaban akka

argisiisan isin ni beettu. 26 Isin

biratti akkasii miti. Qooda kanaa

namni isin keessaa nama guddaa

ta'uu barbaadu kamiyyuu tajaajilaa

h keessan haa ta'uu. 27 Namni

nama jalqabaa ta'uu barbaadu

kamiyyuu garba keessan haa ta'uu;

28

Ilmi namaas tajaajiluu fi lubbuu

isaa immoo namoota baayyeedhaaf

furii godhee kennuuf dhufe malee

tajaajilamuuf hin dhufneetii".

Namoonni Jaamaan Lama

Fayyifamuu Isaanii

20 : 29 - 34 Kwf ⇒ Mar 10 : 46 - 52;

Luq 18 : 35 - 43

29 Maatewoos 20:29

Yeroo Yesuusii fi barattoonni

c 19 ykn isa gooyyessaniif; d 20 ykn jiddee

/lafa dhooftee; e 22 ykn muduunuu/

xoofoo; f 23 ykn fulaani; g 25 ykn guddinna;

h 26 ykn hojjataa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!