22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 13:16 28

Otoo akkas ta'uu baatee silaa

isaan ija isaaniitiin arganii,

gurra isaaniitiin dhaga'anii,

garaa isaaniitiinis hubatanii

ni deebi'u turan; anis isaan nan

fayyisa ture.'

16

Iji keessan garuu waan arguuf

eebbifamaadha; gurri keessanis

waan dhagawuuf eebbifamaa

dha. 17 Ani dhuguma isinitti nan

himaatii; raajonni c hedduunii fi

qajeeltonni hedduun waan isin

argitan kana arguu hawwaa

turan; Garuu hin argine. Waan

isin dhageessan kanas dhagawuu

hawwaa turan; garuu hin dhageenne.

18

"Egaa fakkeenyi namicha sanyii

facaasuu maal akka ta'e dhaga'aa.

19 Namni tokko dubbii

mootumichaa dhagayee yoo hubachuu

baate, inni hamaan sun

dhufee waan garaa namichaa

keessatti facaafame sana fudhata.

Sanyiin karaa irratti facaafame

isa kana. 20 Sanyiin lafa

qarsaa irratti facaafame, nama

dhubbicha dhagayee yoosuma

gammachuun fudhatuu dha.

21

Garuu inni waan hundee hin

qabneef yeroo gabaabaa qofa

tura. Yeroo rakkinni yookiin

gaargallii sababii dubbichaatiif

dhufuttis inni dafee gufata.

22

Sanyiin qoraattii keessatti facaafame

sunis nama dubbicha

dhagawu fakkaata. Garuu yaaddoon

addunyaa kanaatii fi gow-

woomsaan qabeennaa dubbicha

hudhee firii naqachuu dhowwa.

23

Sanyiin biyyee gaarii irratti

facaafames nama dubbicha dhagayee

hubatu fakkaata; Innis firii

naqata; Tokko firii dhibba, kaan

firii jaatama; kaanis firii soddoma

naqata."

Fakkeenya Aramaa

24 Yesuusis akkana jedhee fakkeenya

dhibii isaanitti hime;

"Mootummaan samii nama oobruu

d isaa keessatti sanyii gaarii

facaafate tokko fakkaata. 25 Garuu

otoo namni martinuu rafuu

diinni e namichaa dhufee

qamadii f keessatti aramaa facaasee

deeme. 26 Yeroo qamadiini

sun guddatee firii naqatetti

aramaanis ni muldhate.

27 " Tajaajiltoonni g abbaa oobruu

sanaas gara isaa dhufanii,

'gooftaa, ati oobruu kee keessatti

sanyii gaarii hin facaafnee?

Yoos aramaan eessaa dhufe ree?'

jedhaniin.

28 "Innis deebisee, 'diinatu kana

hojjate' jedhe.

Tajaajiltoonnis, 'akka nu dhaqnee

buqqifnu ni barbaaddaa ree?'

jedhanii isa gaafatan.

29 "Namichi garuu akkana jedhee

deebiseef; 'otoo aramaa buqqiftanuu,

akka isa waliin qamadii

hin buqqifneef dhiisaa. 30 Hanga

c17 ykn raagota;

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!