22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Habaqii f isaa garuu ibidda hin

dhaamneen guba."

Cuuphamuu Yesuusi

3 : 13-17 Kwf ⇒ Mar 1 : 9 - 11; Luq 3: 21,

22; Yoh 1 : 31 -34

13 Yommus Yesuus harka Yohaannisitti

cuuphamuuf Galiilaadhaa

gara Yordaanosi dhufe.

14

Yohaannis garuu, "harka keetti

cuuphamuun na barbaachisa; ati

immoo gara koo dhuftaa?" jedhee

isa dhowwe.

15 Yesuusis deebisee,"ammaaf

akkanuma haa ta'uu dhiisi; nu

qajeelummaa hundumaa fiixaan

baasuudhaaf waan kana gochuu

qabnaatii" jedheen. Yohaannisis

isa dhowwuu dhiise.

16 Yesuusis akkuma cuuphameen

bishaan keessaa ba'e; innis, samiin

banamee, hafuurri Waaqayyoo

otoo akkuma gugeetti g gadi bu'uu,

isa irras otoo qubatuu arge.

17

Kunoo, sagaleeni tokko samii

irraa, "kun ilma kiyya isa ani

jaaladhuu dha; isatti baay'ee nan

gammada" jedhe.

Yesuus Qoramuu Isaa

4:1-11 Kwf ⇒ Mar 1:12 - 13; Luq 4 : 1 - 13

Ergasiis Yesuus akka Daabil- 4 oosiin qoramuuf Hafuura

Qulqulluudhaan lafa alootti h geeffame.

2 Innis erga guyyaa afurtamaa

fi halkan afurtama soomee

booddee i beela'e. 3 Daabiloosis

gara isaa dhufee, "ati yoo ilma

Waaqayyoo taate akka dhagaan

5

kun buddeena ta'u ajaji" jedheen.

4 Yesuus garuu deebisee, "'namni

dubbii afaan Waaqayyoo keessaa

ba'u maraan jiraata malee buddeena

qofaan hin jiraatu' jedhamee

barreeffameera" jedheen.

5 Kana booddees Daabiloos gara

magaalaa j qulqulluutti isa geessee

fiixee mana qulqullummaa irra

dhaabachiise; 6 Akkanas jedheen;

"ati yoo ilma Waaqayyoo taate

gadi of darbadhu;

Inni, 'waayee keetiif maleekkota

isaa ni erga;

Isaan immoo akka ati miila

keetiin dhagaatti hin buuneef;

Harka isaanii irratti si baatu'

jedhamee barreeffameeraatii."

7 Yesuusis deebisee, " 'Waaqa

kee goofticha hin qorin' jedhamee

barreeffameera" jedheen.

8 Ammas Daabiloos tulluu k

akka malee ol dheeraa tokkotti

Yesuusin ol baasee mootummoota

biyya lafaa cufaa fi ulfinna

isaanii isatti agarsiise; 9 akkanas

jedheen;" yoo ati kuftee l naa

sagadde, waan kana hundumaa

siifin kenna."

10 Yesuusis, "ati Sheexana nana,

narraa fagaadhu! 'Waaqayyo

waaqa keetiif sagadi; isuma qofa

tajaajili' m Maatewoos 4:10

jedhamee barreeffameeraatii"

jedheen.

f 12 ykn qola; g 16 ykn saphaliisaatti/

handariitti; h 1 ykn onaatti/adiyyootti;

i 2 ykn duubatti; j 5 ykn dira; k 8 ykn gaara;

l 9 ykn jidde; m 10 ykn qofaaf hojjadhu

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!