22.09.2013 Views

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

Matthew - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 22:5 50

irbaata koo k qopheesseera; Sangoonni

koo, jiboonni coccoomoon

koos qalamanii, wonni

hundinuu qopheeffameera; gara

cidha fuudhaafi heerumaa koottaa

jedhaatii warra affeeraman

sanatti himaa.'

5 "Warri affeeraman garuu waa-

micha sana tuffatanii gara haajaa

isaanii dhaqan; Inni tokko gara

Oobruu l isaa, kaan immoo gara

daldala isaa dhaqe. 6 Warri hafan

immoo garboota mootichaa qabanii

salphisan; ni ajjeesanis. 7 Mootichis

akka malee aare; loltoota isaas

ergee warra garboota isaa

ajjeessan sana balleesse.

Magaalaa m isaaniis ni gube.

8“ Innis garboota isaatiin akkana

jedhe; 'Cidhi fuudhaa qopheeffameera;

Warri waamaman

garuu cidha kanaaf hin malle.

9 Kanaaf gara karaa guddaatti

bahaatii nama argattan mara

gara cidhaatti waamaa.' 10 Garboonni

sunis karaatti bahanii nama

argan mara, hamaas gaariis walitti

qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan

guutame.

11 "Mootichi yommuu keessummoota

ilaaluuf ol-seenetti, nama

uffata cidhaa hin uffatin tokko

achitti argee, 12 'Yaa michuu koo n ,

ati akkamitti otoo uffata cidhaa

hin uffatin asi seente?' jedhee

isa gaafate; Namichi garuu waan

dubbatu dhabe.

13 "Mootichis tajaajiltoota o isaatiin,

'namicha kana harkaafi miila

isaa hidhaatii dukkana alaatti

gad-darbadhaa; Achittis namoonni

ni boowu; ilkaanis ni qaru' jedhe.

14 "Warri waamaman baay'eedhaatii;

Warri filataman garuu

muraasa p ."

Qeesaariif Gibira Kaffaluu

22:15-22 Kwf ⇒ Mar 12:13-17; Luq

20:20-26

15 Eegasiis Fariisonni waanuma

inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf

jedhanii gadi ba'anii Yesuusitti

mariyatan. 16 Isaanis barattoota

isaanii garee Heroodisi

waliin Yesuusitti ergan; akkanas

jedhan; "Yaa barsiisaa, akka ati

nama dhugaa taate, akka dhugaadhaan

karaa Waaqayyoo barsiiftuu

fi akka ati nama wal-hin caalchifne

beenna; Ati namoota jidduutti

nama wal hincaalchiftuutii. 17 Mee

yaada kee nutti himi; Qeesaariif

gibira kaffaluun q seera moo seeraa

miti?"

18 Yesuus garuu hammeenna isaanii

baree akkana jedheen; "Isin fakkeessitootanana

r , maaliif qoramatti

na galchituu? 19 Maallaqa s gibira

baaftan mee natti agarsiisaa."

Isaanis diinaarii tokko isatti fidan.

20 Yesuus immoo, "fakkiini

kun fakkii eenyuu ti? Katabbiin

kunis kan eenyuu ti?" jedheen.

k 4 ykn golola kiyya; l 5 ykn maasaa /maasii;

m 7ykn dira; n 12 ykn jaala kiyya; o 13 ykn

hojjattoota; p 14 ykn diqqaa; q 17 ykn baasuun;

r 18 ykn kijjibdoota tana; s 19 ykn beessee

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!