ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
You also want an ePaper? Increase the reach of your titles
YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.
� Sirna abbaa irrummaa irratti xumura gochuuf qabsoon godhamu yoo milkaawe, mootummaa haaraya

qabsoo san keessaa dhalachuuf jiru murteessuuf maloonni qabsoo filataman sun dhiibbaa hangamii

qabaatu?

Deemsa kanaan tooftaan qabsoo bu‟aa-dhabeessa tahuun isaa mirkanaawe tarsiimoo haadhoo keessaa haqamuu

qaba.

Kutaalee dabran keessatti mormiin siyaasaa tooftaalee qabsoo biroo caalaa faayidaa irra-wayyaa akka qabu

hubanneerra. Wixintoonni tarsiimoo qabsichaa, haala walitti bu‟iinsaa gadi fageenyaan qoratanii gaaffiilee olitti

ka‟aniif tooftaan qabsoo karaa nagayaa (mormiin siyaasaa) deebii quufsaa kennuu ni danda‟a moo hin danda‟uu

irratti murteessuutu irraa eegama.

Demokraasiif karoorfachuu

Kaayoon tarsiimoo haadhoo abbootii irree aangoorraa buusuu qofa osoo hin taane, sirna demokraatawaa

bu‟uuressanii abbaa irrummaan haaraan akka hin dhalanne ittisuu tahuun dagatamuu hin qabu. Maloonni qabsoo

tarsiimoolee kana galmaan gahuu danda‟an wayta filamanis, hawaasa keessatti hirmaannaan aangoo irra-wayyaa

tahe akka jiraatu kan gumaachan tahuutu irra jiraata. Bittaa abbaa-irree jalatti, hawaasichifi jaarmayoonni siiviiliin

baay‟ee dadhaboo yoo tahan faallaa saniin ammoo, mootummaan haalaan jabaa taya. Madaalli humnaa jallaan kun

osoo hin sirreeffamin matootiin haarayatti as bahan yoo barbaadan akkuma abbootii irree duraa san tahuurraa wanni

isaan dhoorku hin jiraatu. „Warraaqsi masaraa (palace revolution‟ yookiin fonqolchi mootummaas gonkumaa

fudhatama hin qabaatu.

Akkuma kutaa Shanaffaa keessatti hubanne diddaan siyaasaa hawaasa sossoosuun ummata san keessatti hirmaanni

aangoo madaalawaa tahe akka uumamu gumaacha. Deemsi kun karaalee hedduudhaan uumamuu dandaya. Humni

qabsoo karaa nagayaa jabaannaan, mootummaan abbaa-irree humna hawaas ittiin doorsisuuf iajajamaa ittiin

taasifatu ni dhaba. Hawaasnis tarkaanfii cunqursaa mootummaa abbaa-irree san dura ittiin dhaabbachuufi takes

humna ittiin ifirraa daangessuu isa dandeessisu ni qabaata jechuudha. Kana malees, bifa qabsoo siyaasaatiin humna

hawaas sunii sossoosuun yoo dandayame jaarmayoonni walabni hawaasa sunii ni jabaatu. Mooyxannoon siyaasaa

humna ummataa kan akkasii uumuu dandayu salphaatti hin argamu. Beekkomsiifi mooyxannoo qabsoo akkasii

keessatti horataman abbootii irree hahhaaraya as bahuuf malaniif salphaatti akka hin jilbiinfanne hawaasa sun

gargaara. Jijjiiramni hiriira humnaa bifa kana fakkaatuun mul‟achuun maayyii irratti hawaasa demokraatawaa

waaraa uumuuf hiree jirtu abdachiisaa taasisa.

Deeggarsa alagaa

Tarsiimoon haadhoon yeroo karoorfamtu abbootii irree jilbiinachiisuufi qabsoon keessaatiifi dhiibbaan alaa qooda

akkamii akka qabaatan madaaluun barbaachisaadha. Xiinxala kana keessatti humni qabsoo guddaan kan dhalachuu

qabu biyyuma keessatti tahuu isaa kaafnee laallee jirra. Kana jechuun deeggarsi idil-addunyaa yoo dhabamellee

qabsoon biyya keessaa jabaachuun dhiibbaa warra alaa dadammaqsuu akka dandayu ni tilmaamama.

Hawaasni idil-addunyaa dhimmoota namoomaa,gara hamileefi amantiitiin abbootii irreirratti dhiibbaa akka godhu

sochoosuun ni danda‟ama. Kana malees mootummoonnifi dhaabonni idil-addunyaa mootummaa abbaa-irree

sanirratti qobqobii (sanction) dippilomasii, kan siyaasaatiifi dinagdee akka kaayan tattaafachuun ni dandayama.

Tarkaanfiileen kunniinis, uggura (embargo) dinagdeefi meeshaa waraanaa kaayuu, hariiroo dippilomaasii gad

xiqqeessuu yookiis guutummaatti muruu, gargaarsa dinagdeefi hiree investmentii dhowwachuu, mootummaa abbaairree

san dhaabota idil-addunyaa adda addaatiifi qaamota Tokkummaa Mootummootaa keessaa ari‟uu fa‟a

tahuulleen ni mala. Kana malees gargaarsonni idil-addunyaa kan akka gargaarsa maallaqaatiifi deeggarsa qunnamtii

suduuddeen humnoota demokraatawaaf kennamuun ni mala.

Tarsiimoo muummee wixinuu

Warri wixina qabsoo karoorsan haala jiru qajeellotti madaalanii mala qabsoof malu filuufi qooda deeggarsi alaa

qabaatu murteessuudhaan qabsoon akkamitti daandii bu‟aa-qabeessa taheerratti itti geggeeffamtu yaaduu qaban.

Karoorri qophaawus qabsoon sun sadarkaa jirturraa kaatee hanga sirni bilisaafi demokraatawaan itti ijaaramutti

adeemsa jiru kan hammatu tahuu qaba. Warri tarsiimoo haadhoo wixinu gaaffiilee adda addaa baay‟ee of

gaafachuudha qaban. Gaaffiileen asii gaditti dhihaatan kun (kan armaan dura laalle irraa bifa bal‟ina qabuun)

24