02.02.2013 Views

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

KUTAA KUDHAN

SIRNA DIMOKRAASII WAARATIIF BU‟URA KAAYUU

Sirni abbaa-irree u kutaawuun hedduu nama gammachiisa. Ummanni yeroo dheertuudhaaf sirna cunqursaa jalatti

dararamaa tureefi qabsoo keessattiis wareegama guddaa kafale sun, gammachuu isaa ibsachuufi haragalfachuuf

haqa qaba. Qooda qabsoo saniif gumaachaniifi injifannoo goonfataniif ofitti boonuu qabu. Namni qabsoo keessatti

hirmaate hundinuu lubbuudhaan jiraatee guyyaa injifannoo san arguu hin dandayu. Qabsaawoota wareegamaniifi

kanneen lubbuudhaan jiranis gootota biyya isaanii dandii bilisummaatifi dimokraasiitirra kaayuuf wareegummaa

barbaachisu gumaachan waan tahaniif seenaan bara baraan isaan yaadata.

Haatahu ammoo, injifannoo arganne jedhanii of dagachuun hin barbaachisu. Sirni abbaa-irree guutumattuu kan

unkutaawe tahullee, jeeqama yeroo cehuumsaatti fayyadamuudhaan, gartuun cunqursituun biroo aangoo akka hin

qabanne, humnoonni dimokraasii waardiyyaa dhaabbachuu qabu. Hogantoonni humnoota dimokraasii, tarsiimoo

aangoon abbaa-irreetirraa gara mootummaa cehumsaatti ittiin dabartu dursanii baasuu qabu. Caasaan abbaa-irreetiis

diigamuu qaba. Heera mootummaatifi sirna dimokraasii waaraa utubuuf bu‟urri barbaachisaan ijaaramuu qaba.

Akkuma sirni abbaa-irree kufeen rakkooleen hawaasaa hundi furmaata argatu abdi jedhu ummataaf kennuurraa of

qusachuu barbaachisa. Kufaatiin sirna cunqursaa, jireenya hawaasaa dhawaataan fooyyeessuuf karaa bana.

Rakkooleen diinagleen, siyaasleefi hawaasleen hidda gadi fagoo tahe qaban hedduun isaanii kufiinsa sirna abbaairree

boodas yeroo dheertuuf numa jiraatu. Tumsaafi jabeenya lammiilee biyya saniitiin rakkoolee san yeroodhaa

gara yerootti fooyyessaa deemuun nidandayama. Sirni siyaasaa haarayni hundeeffame ammoo, tarsiimoofi

imaammata lammileen biyyaa jireenya ofiitiifi kan ummata ofii foyyeessuuf isaan dandeessisu baasuu qabu.

Sirna Abbaa-irree haraaya ofirrraa ittisuu

Aristotle yeroo dheertuu dura akka nu akkeekkachisetti, “ Cunqursaan gara cunqursaa birootti jijjiramuu ni

danda‟a”[2]. Dhugooma Jecha kanaatiif seenaatu raga baya. Fakkeenyaaf waan Faransaayitti ( Jacobins fi

Napoleon), Ruusiyaatti ( Bolsheviks), Iraanitti ( Ayatollah), Barmaa ( Koree Waraanaa) fi biyyota biroo keessa ta‟ee

yoo laalle, kufaatiin sirna cunqursaa tokko ,namootaafi gareeleen cunqursaa haarayni akka aangoo qabataniif hiree

kenne. Namootaafi murnoonni armaan‟olitti tarreeffaman sababni aangoo itti qabchuu fedhan garagara; wanni

ummataaf fidan ammoo waluma fakkaata. Inumaatu sarni abbaa-irree inni haarayni kan dur daran hammaachuun ni

mala.

Akkuma qabsoon diddaa siyaasaa jabaachaa deemtuun, qondaaltonni gariin muumicha sirna sanii funqolchuudhaan,

akka aangoon siyaasaa harka humnoota dimkraasii hin seenne dhoorguun ni mala. Qondaaltonni sun, afaaniin sirna

abbaa-irree fonqolchine jechaa, hujiidhaan ammoo sirnuma cunqursaa dullacha sun fuulaafi afaan jijjiraanii

deebisanii ummatarratti fe‟u.

Fonqolcha mootummaa ittisuu

Gartuulee mirgaafi bilisummaa ummanni qabsoodhaan argate fonqolcha mootummaatin saamuu barbaadan tooftaa

ittiin fashalsiisantu jira. Humnoonni dimokraasii tooftaalee kana dursanii beekuun mataa isaatti, fonqolcha

mootummaa hanqisuu ni danda‟a. Qophaa‟ina gahaa qabaachuun, yaalii silaa mootummaa fonqolchuuf godhamu

ittisuu ni dandaya

Gareen fonqilchi mootummaa geggeessuu tokko jalqabummarraahuu tarkaanfii fudhataa jiruufi bulchiinsa uumuu

fedhuuf ummata biratti fudhatama argachuudha kajeela. Kanaafuu, tarkaanfiin duraa tan humnoonni dimokraasii

fudhachuu qaban, gareen sun fudhatama akka hin arganne dhoorkuudha.

Hawwii isaa fixaan baafachuuf murni fonqolcha mootummaa geggeessu sun deeggarsa yookin

qoqqoodamuu hoggantoota jaarmayoota hawaasaa isa barbaachis. Kana malee ajajamuu hojjattoota

mootummaatifi, hayyootaa ogummaa adda addaa qabanirraa gorsa argachuuniis dirqama. Ummata biyyattii guututti

too‟achuuf poolisoonni, abbootin seeraatifi abukaatonni heeraafi seera murna haaraya suniin tumamu eegsisuu qabu.

Walumaagaltti namoonni sirna walxaxaa diinagdee, siyaasaa, hawaasaatifi waraanaa geggeessan, murna haaraya

aangoo dhuunfachuu yaalutti harka kennatanii ajajaafi dantaa murna saniitif eemaramuu qabu.

36

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!