21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Luqaas 3:11

11

Yohaannisis deebisee, "namni

uffata lama qabu isa womaa hin

qabnneef haa hiruu; kan nyaata

qabus akkasuma haa godhuu y "

jedheen.

12 Warri qaraxa walitti guuranis

cuuphamuu dhufanii, "Yaa Barsiisaa,

nu hoo maal haa goonuu?"

jedhanii isa gaafatan.

13 Innis, "waan ajajamtan caalaa

walitti hinqabinaa" jedheen.

14 Loltoonnis akkasuma , "nu

immoo maal haa goonuu ree?"

jedhanii isa gaafatan.

Innis, "humnaan nama irraa

horii hin fudhatinaa; dharaan

nama hin himatinaa; mindaan z

keessan isin haa gawu” jedheen.

15 Namoonni sunis otoo hawwiin

eegaa jiranuu, hundi

isaaniis, "Yohaannis kun inni

Kiristoos ta'innaa laata?" jedhanii

otoo garaa isaaniitti yaadaa

jiranuu,

16 Yohaannis akkana

jedhee isaan cufaaf deebii kenne;

"ani bishaaniin isin cuupha, garuu

kan hidhaa a kophee isaallee hiikuun

naaf hinmalle, inni narra

jabaatu tokko ni dhufa; inni Hafuura

Qulqulluudhaan, ibiddaanis

isin cuupha; 17 Innis oobdii isaa

qulqulleessee gootaraa isaatti

qamadii b galfachuuf hafarsaan c

isaa harka isaa jira; habaqii d garuu

ibidda hin dhaamneen ni guba.

18 e

Yohaannisis dubbii biraa

baay'eedhaan namoota gorse; wangeelas

isaanitti lallabe.

128

19 Heroodis bulchaan kutaa afraffaa

garuu sababii niitii obboleessa

isaa sababii Heroodiyaadaatii

fi hammeenna dhibii

inni hojjate maraaf Yohaannis

waan isaan mormeef, 20 Heroodis

hammeenna isaa ittuma caalchisee

Yohaannisin mana hidhaatti

galche.

Cuuphamuu Yesuusiitii Fi Hidda

Dhaloota isaa

21 Yommuu namoonni hundinuu

cuuphamanitti Yesuusis ni

cuuphame; innis otoo kadhachaa

jiruu samiin banamee, 22 Hafuurri

Qulqulluun bifa saphaliisaatiin f

isa irra qubate; sagaleen g , "ati ilma

kiyya isa jaalatamaa dha; ani

akka malee sitti nan gammada"

jedhu tokkos samii irraa dhufe.

23 Yesuus Yeroo tajaajila isaa

jalqabetti umriin isaa gara waggaa

soddomaa ture. Innis akka

waan ilma Yooseefi ta'eetti yaadame,

Ilma Eelii, 24 Ilma Maataati,

Ilma Leewii, ilma Malkii,

Ilma Yaanaa, ilma Yooseefi,

25

Ilma Maaxatiyyuu, ilma Amoosi,

Ilma Naahoomi, ilma Asilii,

Ilma Naagee, 26 Ilma Maa'aati,

Ilma Maaxatiyyuu, ilma Sam'ii,

Ilma Yooseefi, ilma Yoodaa,

y 11 ykn haa tolchuu; z 14 ykn gatiini dadhabbii;

a 16 ykn teepha/ seemsaa b 17 ykn

dargaayyee; c 17 ykn afareeni; d 17 ykn

qola/ ibbiqii; e 18 ykn dhibii; f 22 ykn

handariitiin/gugeetiin; g 22 ykn qoonqi/

qoonqoon

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!