21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

ajaja keellee didee hin beeku.

Ati garuu akka ani jaallan kiyya

waliin gammaduuf takkumaa ilmoo

re'ee tokkollee naa hin kennine.

30

Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota

a waliin qabeenna kee

balleesse kun deebi'ee manatti

gallaan jibicha gabbataa qalteef!'

31 "Abbaan isaas akkana jedheen;

'yaa ilma kiyya ati yeroo

mara anuma wajjiin jirta; wanni

ani qabu martinuus keetuma.

32

Garuu obboleessi kee inni du'ee

ture kun waan jireennatti deebi'eef

nu gammaduu fi ililchuu

qabna. Inni badee ture; amma

immoo argameera.' "

Fakkeenna Hujii Adeemsisaa

Abshaala Tokkoo

Yesuus barattoota isaatiin 16 akkana jedhe; "namicha

dureessa nama hujii isaa adeemsisuuf

qabu tokkottu ture; akka

hujii adeemsisaan sun qabeenya

isaa jalaa balleessaa jirus dureessa

sanatti himan. 2 Dureessi sunis

hujii adeemsisaa sana ufitti

waamee, 'Wanni ani waayee kee

dhagawu kun maalii? ati ammaan

achi waan hujii adeemsisaa ta'uu

hin dandeenneef, hujii adeemsisaa

turte sana irratti gabaasa b naa

dhiyeessi' jedheen.

3 "Hujii adeemsisaan sunis garaa

isaa keessatti akkana jedhe;

'waan gooftaan kiyya hujii keessaa

na baasuuf, maal naa wayya?

169 Luqaas 16:9

lafa qotuuf humna hin qabu;

kadhachuu immoo nanqaana'a.

4 Akka yeroo ani hujii keessaa

ariyamutti namoonni mana isaaniitti

na simataniif waanani godhu anuu

beeka.'

5 "Innis warra idaan c gooftaa

isaa irra jiru tokko tokkoon

waamee, isa jalqabaatiin, 'idaan

gooftaa kiyyaa hagamittu sirra

jira?' jedhee gaafate.

6 "Namichis, 'dhadhaa ejersaa

hubboo d dhibba saddeeti' jedhee

deebise.

"Hujii adeemsisaan sunis,

'waraqaa walii galtee kee hoo'u e ;

dafii taa'iitii dhibba afur jedhii

barreessi' jedheen.

7 "Isa lammaffaadhaanis, 'sirra

immoo hagamittu jira?' jedhee

gaafate.

"Innis, 'qamadii f guuboo g kuma

tokkoo' jedheen.

“Hujii adeemsisaan sunis, 'waraqaa

walii galtee kee hoo'uutii, dhibba

saddeeti jedhii barreessi' jedheen.

8 "Hujii adeemsisaan hin amanamne

sun waan abshaala h ta'eef

gooftichi isa jaje; namoonni addunyaa

kanaa warra akka isaanii

waliin haajaa isaanii guutachuu

irratti namoota ifaa caalaa abshaalotaatii.

9 Ani isinitti hima;

a 30 ykn sharmuuxota/ejjitoota; b 2 ykn

too'annoo; c 5 ykn liqaani /gaatiin; d 6 ykn

okkotee /ottee; e 6 ykn hoodhi; f 7 ykn

dargaayyee; g 7 ykn kintaala/qalqalloo;

h 8 ykn malticha/gamna

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!