21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Luqaas 8:44

tokko achi turte. 44 Ishiinis dudda

isaa duubaan dhuftee xiyyoo

wayaa isaa tuxxe; yoosumas

dhiigni ishii cite.

45 Yesuusis, "eenyutu na tuqe?"

jedhee gaafate.

Yommuu hundi isaanii, "nuu miti"

jedhanii waakkatanitti Pheexiroos,

"Yaa Gooftaa namoonni si marsanii

si dhiibaa jiru" jedhe.

46 Yesuus garuu, "namni wayii

na tuqeera; ani akka humni na

keessaa ba'e nanbeekaatii" jedhe.

47 Dubartittiinis akka dhokattee

deemuu hin dandeenne hubannaan

ollachaa dhuftee fuula Yesuusi

duratti lafa dhoofte; maaliif

akka isa tuxxee fi akkamittis

akka yoosuma fayyite namoota

sana cufa duratti dubbate. 48 Innis,

"Intala tiyya, amantiin kee si

fayyiseera; nagayaan deemi"

jedheen.

49 Otoo Yesuus waan kana dubbachaa

jiruu namni tokko mana

bulchaa mana sagadaa sanaatii

dhufee bulchaa sanaan, "intalli tee

duuteerti; ammaan achi barsiisicha

hin dadhabsiisin" jedhe.

50 Yesuusis yommuu waan kana

dhagayetti Yaa'iroosiin, "hin

sodaatin; ati amani malee, isiin

ni fayyitii" jedhe.

51 Innis yommuu mana Yaa'iroosi

ga'etti, Pheexiroos, Yohaannisii

fi Yaaqoob akkasumas

abbaa fi haadha intalittii malee

akka namni tokkolleen isa wajjiin

146

olseenu hin eeyyamne. 52 Namooni

martinuu isiif boo'aa, faarsaas

turan; Yesuus garuu, "hin boo'inaa;

isiin ni rafti malee hin

duuneetii" jedhe.

53 Isaan immoo waan akka isiin

duute beekaniif isatti kolfan.

54 Inni garuu harka isii qabee,

"mucattiinana q ka'i!" jedhe.

55 Lubbuun isiis itti deebite; isiinis

yeruma sana kaatee dhaabatte.

Yesuusis akka isaan waan

nyaatamu isiif kennan ajaje.

56 Abbaa fi haati isiis ni maadeffatan;

inni garuu akka isaan

waan ta'e sana nama tokkottillee

hin himne isaan ajaje.

Yesuus Barattoota Kudhanii -

Lamaan Erguu Isaa

9:3-5 Kwf ⇒ Mat 10:9-15; Mar 6:8-11

9:7-9 Kwf ⇒ Mat 14:1, 2; Mar 6:14-16

Yesuus barattoota isaa kud- 9 hanii-lamaan walitti

waamee, akka isaan jinniiwwan

hunda baasanii fi akka

dhibeewwan fayyisaniif humnaa

fi aangoo r kenneef. 2 Innis

akka isaan mootummaa

Waaqayyoo lallabanii fi akka

dhukkubsattootas s fayyisaniif

isaan erge; 3 Akkanas isaaniin

jedhe; "imala t keessaniif waan

tokkollee harkatti hinqabatinaa;

ulee yookiin korojoo u yookiin

q 54 ykn intala tana; r 1 ykn jabeenna;

s 2 ykn worra fayyaa hin qamne; t 3 ykn

imaltuu; u 3 ykn gorjoo/ subba

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!