Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
42 Gooftaanis deebisee akkana

jedhe; "egaa hujii adeemsisaan

amanamaa fi beekaan kan

gooftaan isaa akka inni yeroodhaan

nyaata isaanii kennuuf jedhee

tajaajiltoota isaa irratti isa

shuumu eennu? 43 Garbichi Gooftaan

isaa yommuu deebi'utti otoo inni

akkasuma hojjatuu isa argu sun

eebbifamaa dha. 44 Ani dhuguman

isinitti hima; inni qabeenya

isaa mara irratti isa shuuma.

45

Garuu yoo garbichi sun yaada

isaatti, 'gooftaan kiyya dafee

hindhufu' jedhee garboota dhiiraa

fi dubartootaa g tumuu jalqabe,

yoo nyaatee dhugees machaa'uu

jalqabe,

46 Gooftaan garbicha

sanaa guyyaa inni hin eegnee fi

sa'aatii inni hin beennetti dhufa;

garbicha sanas niciccira; warra

hin amanne keessattis isa qooda.

47” Garbichi otoo fedhii Gooftaa

isaa beekuu hinqophoofne yookiin

waan gooftaan isaa barbaadu hin

hojjanne sun akka malee tumama.

48

Nama otoo hin beekin waan isa

adabamsiisu hojjate, garuu adaba

salphaattu isa irra ga'a. Nama

wanni baay'een itti kenname hunda

irraa waan baay'eettu eegama;

nama imaanaa h guddaan itti

kenname irraa immoo kan caalutti

barbaadama.

Gargari -ba'iisa malee Nagayaamiti

12:51-53 Kwf ⇒ Mat 10:34-36

49 "Ani ibidda lafa irra buusuuf

161 Luqaas 12:58

dhufe; otoo inni ammumayyuu

qabatee ani akkam hawwa! 50 Garuu

Cuuphaa ani cuuphamu tokkottu

jira; hanga inni raawwatamutti

i ani akka malee dhiphadha!

51

Isin waan ani lafa irratti nagaya

buusuuf dhufe seetanii? akkasii

miti; ani isinittin hima; ani gargari

bayiinsa fiduuf malee nagaya

buusuuf hindhufne. 52 Ammaan

achi maatiin nama shan

qabu tokko gargari qoodama;

namni sadii nama lamatti ka'a;

namni lama immoo nama sadiitti

ka'a. 53 Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti

haatii intalatti, intalli haadhatti,

amaatiin j niitii ilmaatti, niitiin

ilmaa immoo amaatiitti ka'uudhaan

gargari ba'u."

Bara Ilaalanii Waa Himuu

54 Yesuusis tuuta sanaan akkana

jedhe; "Isin yommuu duumessa

karaa lixa biiftuu duumessaawu k

argitanitti yeruma sana, 'bokkaan

nirooba' jettu; innis nirooba.

55 l

Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti

immoo, 'ni oow'a jettu;

innis ni oow'a. 56 Fakkeessitootanana!

isin hiikkaa bifa lafaatiifi samii

himuu ni dandeettu; garuu maaliif

hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdani?

57 "Isin maaliif ofuma

keessanii waan qajeelaa hin murteessine?

58 Ati yommuu nama si

g 45 ykn nadheenii; h 48 ykn yaboo/

adaraa /immaankii; i 50 ykn dhumutti;

j 53 ykn haatii soddaa /soddaatiin;

k 54 ykn galmaa'u