21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

hangafoonnii l fi barsiistonni

seeraa waan namoota sodaataniif,

mala ittiin Yesuusin ijjeessan

barbaadaa turan. 3 Sheexannis

namicha Yihuudaa Asqorooticha

jedhamu kan jara kudhaniilamaan

keessaa tokko ture sanatti

gale. 4 Yihuudaanis dhaqee luboota

hangafootaa fi ajajjoota waardiyyaa

m mana qulqullummaa waliin

haala ittiin Yesuusin dabarsee

kennu irratti mariyate. 5 Isaanis

akka malee gammadanii maallaqa

n isaaf kennuuf walii galan.

6

Innis yaada kana fudhatee, bakka

o namoonni hin jirretti Yesuusin

dabarsee isaanitti kennuuf

haala mijaawaa barbaadaa ture.

Irbaata Gooftaa

22:7-13 Kwf ⇒ Mat 26:17-19; Mar 14:12-16

22:17-20 Kwf ⇒ Mat 26:26-29; Mar

14:22-25; 1 Qor 11:23-25

22:21-23 Kwf ⇒ Mat 26:21-24; Mar

14:18-21; Yoh 13:21-30

22:25-27 Kwf ⇒ Mat 20:25-28; Mar

10:42-45

22:33, 34 Kwf ⇒ Mat 26:33-35; Mar

14:29-31; Yoh 13:37, 38

7 Ayyaanni qixxaa p kan hoolaan

Faasikaa itti qalamuu qabu ga'ee

ture. 8 Yesuusis, akka "Faasikaa

nyaannuuf dhaqaatii nuu qopheessaa"

jedhee Pheexiroosii fi

Yohaannisin erge.

9 Isaanis, "akka nu eessatti qopheessinu

barbaaddaa?" jedhanii

isa gaafatan.

10 Inni immoo deebisee akkana

jedhe; "akkuma, isin magaalaa q

185 Luqaas 22:18

seentaniin, namichi okkotee bishaanii

baatu tokko isinitti dhufa; isa

faana mana inni itti galu dhaqaatii,

11 Abbaa mana sanaatiin, 'Barsiisaan,

"manni keessummaa, bakki ani

itti barattoota kiyya wajjiin Faasikaa

nyaadhu eessaa?" siin jedha'

jedhaa. 12 Innis mana mana irraa

keessaa kutaa baldhaa mi'a

manaatiin guutame tokko isinitti

agarsiisa, isinis achitti qopheessaa."

13 Isaanis dhaqanii, waan hunda

akkuma Yesuus isaanitti himetti

argan; Faasikaas qopheessan.

14 Sa'aatiin sun dhaqqabnaanis

Yesuusii fi ergamtoonni isaa

maaddiitti r dhiyaatan. 15 Innis

akkana isaaniin jedhe; "ani otoo

hindhiphatiniin dura isin waliin

Faasikaa kana nyaachuu akka

malee hawween ture. 16 Ani isinittin

himaatii; hanga faasikaan

kun mootummaa Waaqayyoo

keessatti raawwatamutti s ani

deebi'ee isa hin nyaadhu."

17 Innis eegii xuwwaa t fuudhee

galata galchee booddee u akkana

jedhe; "kana fudhadhaatii gargari

qoodadhaa; 18 Ani isinittin himaatii;

hanga mootummaan Waaqayyoo

dhufutti, ani deebi'ee daadhii

wayinii kana hin dhugu" jedhe.

l 2 ykn qaallolee gugurdoofi; m 4 ykn eedduu;

n 5 ykn beessee / horii, o 6 ykn fulaa;

p 7 ykn maxinoo/qixxaa hin bukaayin;

q 10 ykn dira; r 14 ykn gololatti; s 16 ykn

guutamutti; t 17 ykn buduunuu/ waaccaa;

u 17 ykn duubatti

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!