21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

nama macheessu tokkollee hin

dhugu; Otuma garaa haadha isaa

keessa jiruus hafuura qulqulluun n

ni guutama. 16 Ijoollee Israa'eli

keessaas namoota baay'ee gara

Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni

deebisa. 17 Innis saba gooftaaf

malu tokko qopheessuuf jedhee

garaa abbootii gara ijoollee

isaaniitti, warra hin ajajamne

immoo gara qarooma qajeeltotaatti

deebisuuf hafuuraa fi humna

Eliyaasiitiin fuula Gooftaa dura

ni deema."

18 Zakkaariyaasis maleekkaa

sanaan; "Ani akkamittin kana

beeka? ani dulloomeera; niitiini

tiyyas jaarteerti" jedhe.

19 Maleekkaan sunis akkana

jedhee deebiseef; "Ani Gabri'eel

isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu

dha; anis sitti dubbachuu fi oduu

gammachiisaa kana sitti himuuf

ergameera. 20 Kunoo, sababii ati

dubbii kiyya isa yeroo isaatti raawwatamu

o hin amaniniif p ; hanga

gaafa wanni kun ta'uutti ni duudda;

dubbachuus hin dandeettu."

21 Namoonnis yeroo sana sababii

Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu

mana qulqullummaa keessatti tureef

dinqifachaa q Luqaas 1:16

isa eegaa turan.

22

Garuu Zakkaariyaas yommuu

gadi ba'etti waan isaanitti dub-

120

bachuu hindanda'iiniif isaan akka

inni mana qulqullummaa keessatti

daayyaa r wayii arge hubatan;

innis milikkitaan s isaanitti

himaa ture malee dubbachuu

hindandeenye

23 Innis yommuu yeroon tajaajila

isaa raawwatetti gara mana

isaatti deebi'e. 24 Kana booddees t

niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee

hanga ji'a shaniitti of dhossite.

25

Ishiinis, "Gooftaan qaanii namoota

jidduutti narra ture narraa kaasuuf

jedhee guyyaa arjummaan na

yaadatetti u waan kana naa godhe"

jette.

Dhalachuun Yesuusi Duraan

Durfamee Himamuu Isaa

26 Ji'a ja'affaattis Gabri'eel Maleekkichi

Waaqa biraa gara magaalaa v

Naazireti isii Galiilaa keessatti

argamtuutti ergame; 27 Innis gara

dubra namicha sanyii Daawiti

irraa dhalate kan maqaan isaa

Yooseef jedhamu tokkoof kaadhimamteetti

w ergame; maqaan dubra

n 15 ykn ayyaana woyyuun; o 20 ykn guutamu;

p 20 ykn hin dhugeeffatiniif; q 21 ykn

maadeffachaa/ajaa'ibsiifachaa; r 22 ykn

muldhata/manaaba; s 22 ykn milikkeetaan;

t 24 ykn duubatti; u 25 ykn qaabatetti;

v 26 ykn dira; w 27 ykn niitummaaf

kadhatamtee; x 29 ykn rifattee; y 31 ykn in

garaachofta

1:27 Kaadhimamte - Wal- kaadhimachuun akka bartee Yihuudotaatti akkuma wal-

fuudhuu cimaadha. Wal- qunnamtiin saalaa intala kaadhimamteefi nama dhibii waliin

ta'u garuu akka ejjaatti ilaalama. Walii galtee kaadhimaa diiguunis niitii ufii yookaan

dhiirsa ufii hiikuu waliin tokkuma.

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!