21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

jettan hin yaadda'inaa. 12 Hafuurri

qulqulluuni yeruma sana Waan

isin jechuu qabdan isin barsiisaatii."

Fakkeenya Dureessa Gowwaa

13 Tuuta sana keessaa namichi

tokko, "Yaa Barsiisaa, akka obboleessi

kiyya dhaala naa hiruuf

maaloo itti naa dubbadhu" jedheen.

14 Yesuus garuu deebisee, "namana,

eenyuttu isin jidduutti abbaa

murtii yookiin hirtuu dhaalaa na

godhe?" jedheen. 15 Innis, "ilaaladhaa!

sassatumma q mara irraas uf

eegaa; jireenyi namaa tokkoo

baay'inna qabeenya isaatiin hinmurteeffamuutii

" jedheen.

16 Innis akkana jedhee fakkeenna

kana isaanitti hime;

"Oobruun r namicha dureessa tokkoo

Oomisha s guddaa kenneef.

17

Namichi sunis, 'ani waan lafa

itti midhaan kiyya galfadhu hin

qabneef maal gochuu naa wayya?'

Jedhee garaa isaatti yaade.

18 "Innis akkana jedhe; 'wanni

ani godhu kana; gootaraa t kiyya

diigee guddaa isaa nan ijaaraadha;

midhaan kiyyaafi mi'a kiyya

hunda achittin kuufadha. 19 Lubbuu

tiyyaanis, “Yaa lubbuu tiyya,

ati waan gaarii hedduu kan

waggaa baay'eef kuufame qabda;

boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis"

nan jedha.'

20 "Waaqayyo garuu, 'gowwaa-

159 Luqaas 12:26

nana, edanuma lubbuu tee sirraa

fudhachuu barbaadu; eegaa wanni

ati walitti qabatte sun kan eenyuu

ta'a?' jedheen.

21 "Kanaaf namni ufii isaatiif

badhaadhummaa kuufatee fuula

Waaqayyoo duratti immoo hinduroomin

kamiyyuu akkasuma

ta'a."

Hin Yaadda'inaa

12:22-31 Kwf ⇒ Mat 6:25-33

22 Yesuusis barattoota isaatiin

akkana jedhe; "kanaaf ani isinittin

hima; waayee jireenna keessanii

maal akka nyaattan yookiin

waayee nafa keessanii, maal

akka uffattan hin yaadda'inaa;

23

Jireenni nyaata caala; nafnis

uffata caalaatii. 24 Mee arraageyyii

u ilaalaa! isaan hin facaasan

yookiin hin haaman; gootaraa

yookiin gumbii v hin qaban; ta'ullee

Waaqayyo isaan soora. Isin immoo

simbirroota w caalaa akka

malee gatii qabduu mitii! 25 Isin

keessaa namni yaadda'ee bara

jireenna isaa irratti sa'aatii tokkollee

ida'achuu danda'u eennu?

26

Yoos isin erga waan xiqqoo

akkasiillee godhachuu hin dandeenye,

maaliif waan dhibiif x

yaaddoftu ree?

q 15 ykn haafaya /sabdummaa; r 16 ykn

maasii /maasaa; s 16 ykn midhaani; t 18 ykn

gombisaa/buhaara; u 24 ykn arraanqessa;

v 24 ykn kodhoo/togoogoo; w 24 ykn simphirree;

x 26 ykn biraatiif

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!