21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 9:17

samii ol-ilaalee eebbise; caccabsees

akka isaan namoota sanaaf

dhiyeessaniif barattoota isaatti

kenne. 17 Cuftii isaaniis nyaatanii

quufan; barattoonnis hambaa

hurraa'aa d gundoo kudhanii-lama

guutuu walitti qaban.

Pheexiroos Waayee Yesuusi

Dhugaa Ba'uu Isaa

9:18-20 Kwf ⇒ Mat 16:13-16; Mar 8:27-29

9:22-27 Kwf ⇒ Mat 16:21-28; Mar 8:31-9:1

18 Gaaf tokko Yesuus kophaa

isaa Waaqa kadhachaa ture;

barattoonni isaas isa waliin turan.

Innis, "namoonni anaan eennu

jedhu?" jedhee isaan gaafate.

19 Isaanis deebisanii, "gar- tokko

Yohaannis cuuphaa dha" jedhu;

warri kaanis Eliyaas jedhu; warri

kaan immoo raagota durii keessaa

isa tokkotu du'aa ka'e jedhu"

jedhan.

20 Innis, "isin hoo; eennu naan

jettu?" jedhee isaan gaafate.

Pheexiroosis deebisee, "ati

Kiristoos Waaqayyoo ti" jedhe.

21 Yesuus garuu akka isaan

waan kana nama tokkottillee hin

himne jabeessee isaan akeekkachiise

e . 22 Innis, "Ilmi namaa

waan hedduun dhiphachuu akkasumas

maanguddootaan, luboota

hangafootaa f fi barsiistota

seeraatiin tuffatamuu, ijjeefamuu

fi guyyaa sadaffaatti ammoo

du'aa kaafamuu qaba" jedhe.

23 Innis hunduma isaaniitiin

akkana jedhe; "namni kamiyyuu

148

yoo na faana bu'uu barbaade, of

haa ganuu g ; fannoo isaas guyyuma

guyyaan baadhatee na

faana ha deemuu. 24 Namni lubbuu

isaa oolfachuu barbaadu

kamiyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii;

Garuu namni naa jedhee

lubbuu isaa kennu kamiyyuu

lubbuu isaa ni oolfata. 25 Namni

tokko yoo addunyaa guutuu argatee

ufii isaa immoo dhabe

yookaan yoo gatame inni faayidaa

maalii argata? 26 Namni

kamiyyuu yoo nattiifi dubbii

kiyyatti qaana'e ilmi namaa

gaafa ulfinna isaatiin, ulfinna

Abbaatii fi ulfinna maleekkota

qulqulluutiin dhufutti isatti ni

qaana'a. 27 Ani dhuguman isinitti

hima; namoonni asi dhadhaabachaa

jiran tokko tokko otoo

mootummaa Waaqaa hin argin

du'a hin dhandhaman."

Bifti Yesuusi Jijjiiramuu Isaa

9:28-36 Kwf ⇒ Mat 17:1-8; Mar 9:2-8

28 Yesuusis eega waan kana

dubbatee guyyaa saddeet; booddee

h Pheexiroos, Yohaannis fi

Yaaqoob fudhatee kadhachuuf

gaara tokkotti ol ba'e. 29 Otoo

inni kadhachaa jiruu biftii fuula

isaa jijjiirame; uffanni isaas adii

qaanqee ta'e. 30 Namoonni lama

jechuunis Muusee fi Eliyaas,

d 17 ykn caccabaa; e 21 ykn seere/ beekkachiise;

f 22 ykn qaallolee gugurdoo;

g 23 ykn haamormatuu; h 28 ykn duubatti

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!