21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Fariisonni tokko tokko Yesuusiin,

"Yaa Barsiisaa, barattoota keetti

dheekkami!" jedhan.

40 Innis deebisee, "ani isinittin

hima; yoo isaan caldhisanillee

dhagoonni ni iyyu" jedheen.

41 Yesuusis yommuu Yerusaalemitti

dhiyaatee magaalattii

argetti ni boo'eef; 42 Akkanas

jedhe;" otoo atumti waan hardha

nagayaaf ta'u beettee gaarii ture!

Amma garuu ija y kee duraa

dhoffameera. 43 Yeroon itti diinonni

kee dallaa sitti ijaarani, si

marsani, karaa cufaanis si cinqan

ni dhufaatii. 44 Diinonni siif ijoollee

tee warra dallaa kee keessa

jiraatan biyyeetti maku; Isaan

dhagaa tokko dhagaa kaan irratti

hindhiisan; ati yeroo itti Waaqayyo

gara kee dhufu hin beenneetii.”

Yesuus Mana Qulqullummaa

Keessatti

19 : 45, 46 Kwf ⇒ Mat 21 : 12 - 16;

Mar 11: 15 - 18 ; Yoh 2 : 13 - 16

45 Yesuus mana qulqullummaa

seenee warra waa gurguraanii fi

waa bitatan ariyuu jalqabe. 46 Innis,"

' Manni kiyya mana kadhannaa

ta'a; ' jedhamee barreeffameera;

isin garuu ‘holqa z

saamtootaa’ gootaniirtu" isaaniin

jedhe.

47 Guyyuma guyyaanis mana

qulqullummaa keessatti barsiisaa

ture; luboonni hangafoonni a ,

barsiistonnis seeraatii fi durabu'oonni

sabaa garuu isa ajjee-

179 Luqaas 20:7

suuf jabeessanii barbaadaa b turan.

48

Ta'us isaan karaa ittiin isa

ajjeesan hinarganne; namoonni

martinuu yaada tokkoon waan

inni dubbate caqasaa turaniitii.

Waayee Aangoo Yesuusi

20:1-8 Kwf ⇒ Mat 21:23-27; Mar 11:27-33

Gaaf-tokko otoo Yesuus 20 mana qulqullummaa keessatti

namoota barsiisuu, otoo

wangeelas lallabuu luboonni

hangafoonnii c fi barsiistonni seeraa

maanguddoota wajjiin gara isaa

dhufanii, 2 "ati akka aangoo d

maaliitiin waan kana gootu yookiin

akka eenyu aangoo kana sii kenne

nutti himi" jedhaniin.

3 Innis akkana jedhee deebise;

"anis gaafii tokko isin gaafadha;

isin immoo naa deebisaa; 4 Cuuphaan

Yohaannisi Samii irraa dhufe

moo nama biraa dhufee?"

5 Isaanis waliin mariyatanii

akkana jedhan; "yoo nu Samii

irraa dhufe jenne; inni 'isin

maaliif isa hin amanne e ree?'

nuun jedha; 6 Yoo nu, 'nama biraa

dhufe' jenne garuu namoonni

hundinuu akka Yohaannis raaga f

ta'e waan amananiif dhagaan nu

tumu."

7 Kanaaf isaan deebisanii, "inni

eessaa akka dhufe nu hin beennu"

jedhan.

y 42 ykn ila tee; z 46 ykn olla; a 47 ykn qaallolee

gugurdoo; b 47 ykn soqaa; c 1 ykn

qaalloleen gugurdoon; d 2 ykn jabeenna;

e 5 ykn hin dhugeeffanne; f 6 ykn raajaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!