21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

jedhanii isa gaafatan; "Yaa Barsiisaa,

nu akka ati waan qajeelaa

dubbatuu fi waanuma qajelaa

barsiiftu, akkasumas akka ati

karaa Waaqayyoo dhugaan barsiisuu

malee nama wal-hincaalchifne

beenna. 22 Egaa Qeesaariif gibira

kaffaluun o keenna seera moo seeraa

miti?"

23 Inni garuu maltummaa p isaanii

argee akkana isaaniin jedhe;

24 "Mee diinaarii tokko natti agarisiisaa;

fakkii eenyuutii fi katabbii

q eenyuuttu isa irra jira?"

25 Isaanis deebisanii, "kan Qeesaari"

jedhan.

Innis, "yoos kan Qeesaari Qeesaariif

kennaa; kan Waaqayyoo

ammoo Waaqayyoof kennaa"

jedheen.

26 Isaanis waan inni dubbateen

fuula namootaa duratti isa qabuu

hin dandeenne; deebii isaas

ajaa'ibsiifatanii r caldhisan.

Gaaffii Waayee Du'aa ka'iisaa

20:27-40 Kwf ⇒ Mat 22:23-33; Mar 12:18-27

27 Saduuqota du'aa ka'iisni hin

jiru jedhan keessaa tokko tokko

waa gaafachuuf jedhanii gara

Yesuusi dhufan; 28 Akkanas jedhan;

"Yaa Barsiisaa yoo obboleessi

181 Luqaas 20:36

nama tokkoo niitii fuudhee otoo

ijoollee hin dhalfatin du'e, akka

namichi sun niitii sana fuudhee

ijoollee dhalchee obboleessa

isaatiif sanyii dabarsu Muuseen

nuu barreesseera. 29 Kunoo obboleeyyan

torbattu ture; inni jalqabaa

niitii fuudhee otoo ijoollee

hin dhalfatin du'e. 30 Inni lammaffaanis

ishii fuudhe; 31 Inni

sadaffaanis akkasuma ishii

fuudhe; hanga isa torbaffaatti

hundi isaaniiyyuu ishii fudhanii

otoo ijoollee hin dhalfatin du'an.

32 Dhuma irratti niitiin sunis ni

duute. 33 Egaa, gaafa du'aa

ka'iisaatti isiin niitii isa kamii

taati? Torban isaaniiyyuu ishii

fuudhaniiruutii."

34 Yesuusis akkana jedhee deebiseef;

"namoonni addunyaa kanaa

ni fuudhu; ni heerumus. 35 Worri

addunyaa dhufuuf jiru sanaa tii fi

worra du'an keessaa du'aa ka'iisa

argachuun isaanii malu garuu

hin fuudhan; hin heerumanis.

36 Isaan waan akka maleekkotaa

ta'aniif deebi'anii hin du'an. Waan

o 22 ykn baasuun; p 23 ykn haxxummaa/

daba; q 24 ykn hiikkaan tokko tokko

maqaa jedha; r 26 ykn madeeffatanii/

dinqifatanii

20:22 Qeesaariif gibira kaffaluun.... Seeramoo seeraa miti?- mootummaan Roomaa

biyya isaanii qabachuu isaa Yihuudonni hin beekan ture. Otoo Yesuus hin dhufin

wagga diddamii shaniin dura, sababii gibira kaffaluutiin mootummaa Roomaatti

mormiin guddaan tokko ka'ee ture. Kanaaf gaafiin kun gaafii miciiramaadha.Yesuus

yoo kaffaltii gibiraa deeggare, fudhatama nama biratti qabu sana

dhaba. Yoo kaffaltii gibiraa morme ammoo dabarfamee abbootii aangoo mootummaatti

kennama.

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!