21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Faarfannaa Zakkaariyaasi

67 Zakkaariyaas abbaan Yohaannisi

Hafuura Qulqulluudhaan guutame;

akkana jedhees raajii g dubbate:

68

"Sababii dhufee saba isaa

fureef Gooftaan,

Waaqni Israa'eli haa eebbifamuu.

69

Inni mana garbicha isaa mana

Daawiti keessatti

gaafa h fayyinnaa nuuf kaaseera.

70 i

Kanas akkuma afaan raajota

isaa kanneen durii warra

qulqulloota

sanaatiin dubbatetti godhe.

71 j

Innis diinota keenya jalaa,

harka warra nu jibban hundumaa

keessaas nu baasuuf

jedhee kana godhe.

72

Innis araara abbootii keennaaf

waadaa seene sana raawwachuuf,

kakuu isaa qulqulluus qaabachuuf,

73

Kakaa abbaa keenya Abrahaamiif

kakate yaadachuuf,

74

Harka diinota keennaa keessaa

nu baasuuf,

akka nu sodaa malee isa tajaajillu

nu dandeessisuuf

jedhee waan kana godhe.

75

Kunis akka nu bara jireenna

keennaa guutuu

qulqullinnaa fi qajeelinnaan,

fuula isaa duratti tajaajilluuf.

123 Luqaas 2:3

76

Yaa mucaa kiyya, ati raaga Waaqa

guddichaa ni jedhamta;

Karaa isaa qopheessuuf jettee

fuula Gooftaa dura ni

deemtaatii.

77 k

Kunis akka ati dhiifama cubbuu

argachuu isaaniitiin

beekumsa fayyinnaa saba

isaatiif kennituufi.

78

Innis araara Waaqa keennaa kan

garaa laafinnaan guutame

kan bariin fayyinnaa samii

irraa ittiin nuu bari'uu dha.

79

Bariin kunis warra dukkana

keessa jiranii fi

warra gaaddidduu du'aa jala

jiraniif akka ifa kennuuf;

miila keenyas karaa nagayaa

irra akka qajeelchuuf."

80 Daa'imni sunis guddatee hafuuraan

jabaate; hanga guyyaa

saba Israa'eliitti muldhateettis

lafa onaa l keessa jiraate.

Dhalachuu Yesuusi

Bara sana keessa akka ad- 2 dunyaan marti galmeeffamuuf

Awugusxoos Qeesaar biraa labsiin

bahe. 2 Galmeeffamni kunis

bara Qereenewoos bulchaa biyya

Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif

godhame m . 3 Namni hundinuu galmeeffamuuf

gara magaalaa n itti

dhalatee dhaqe.

g h

67 ykn dubbii raagaa/himana; 69 ykn

humna

i 70 ykn raagota;

j 71 ykn

nyaapha; k 77 ykn haraara; l 80 ykn aloo;

m n

2 ykn tolfame /adeemsifame; 3 ykn

dira

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!