21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

cinqamaa jiruus ol mildhatee

Abrahaamin fagootti, Alaazaarin

immoo hammuu Abrahaami

keessatti arge. 24 Innis iyyee 'Yaa

Abbaa kiyya Abrahaam, waan

ani ibidda kana keessatti cinqamaa

jiruuf maaloo garaa naa

laafiitii akka inni fiixee quba

isaa bishaan keessa cuuphee

arraba kiyya naa qabbaneessuuf

Alaazaarin naa ergi' jedheen.

25 "Abrahaam garuu akkana

jedhee deebise; Yaa Ilma kiyya,

ati bara jireenya keetiitti waan

gaarii akka argatte, Alaazaar

immoo waan hamaa akka argate

yaadadhu x ; amma garuu asitti

isatti toleera; ati immoo cinqamaa

jirta. 26 Waan kana cufa

irrattis, akka warri nu biraa gara

keessan dhufuu barbaadan

dhufuu hin dandeenyeef yookiin

akka warri isin biraa gara

keenyatti ce'uu y hin dandeenyeef

nuu fi isin jidduu boolla z guddaattu

jira."

27 "Dureessi sunis akkana jedhee

deebise; 'yoos yaa Abbaa,

akka ati gara mana abbaa kiyyaatti

Alaazaarin naa ergitu

sinkadhadha; 28 Ani obboleeyyan

shan qabaatii; akka isaanis bakka

a cinqamaa kana hindhufneef

inni dhaqee isaan haa akeekkachiisuu

b .'

29 "Abrahaam garuu, 'isaan

Muusee fi raagota qabu; isaanuma

haa dhagayani' jedhe.

30 "Dureessichis, 'akkasii miti;

Yaa Abbaa kiyya Abrahaam; yoo

warra du'an keessaa namni tokko

gara isaanii dhaqe garuu, isaan

cubbuu irraa nideebi'u.' jedheen.

31 "Abrahaamis, 'isaan yoo Muusee

fi raagota hindhageenne, yoo

namni tokko warra du'an keessaa

ka'ellee hin amanan c 'jedheen."

Cubbuu, Amantii, Dirqama

Yesuus barattoota 17 isaatiin akkana jedhe;

"Wanni akka namoonni cubbuu

hojjatan godhu tokko dhufuun

hin oolu; garuu nama waan

sana fiduuf wayyoo! 2 Inni warra

xixiqqaa kanneen keessaa tokkollee

gufachiisuu mannaa d otoo

dhagaan daakuu morma isaatti

hidhamee galaanatti darbatamee,

isaa wayya ture. 3 Kanaaf uf

eegadhaa.

"Yoo obboleessi kee yakka hojjate

loliin; yoo inni cubbuu irraa

deebi'e, immoo dhiifama godhiif

e . 4 Yoo inni guyyaa tokkotti

yeroo torbaa cubbuu sitti hojjatee

yeroo torbaanuu sitti deebi'ee,

'ani cubbuu irraa nandeebi'a'

siin jedhe dhiifama godhiifi."

5 Ergamtoonnis Gooftaadhaan,

"amantii f 171 Luqaas 17:5

keenya nuu guddisi"

jedhan.

x 25 ykn qaabadhu; y 26 ykn taakkuu;

z 26 ykn hallayyaa/bowwaa; a 28 ykn fulaa;

b 28 ykn gorsuu; c 31 ykn hindhugeeffatan;

d 2 ykn biraa; e 3 ykn haraaramiif;

f 5 ykn dhugeeffachaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!