21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Luqaas 8:19

Haadha Yesuusiitii Fi Obboleeyyan

Isaa

8:19-21 Kwf ⇒ Mat 12:46-50; Mar 3:31-35

19 Haati Yesuusiitii fi obboleeyyan

isaa isa bira dhufan; garuu

sababii baay'inna namaatiif

isa bira gawuu hin dandeenye.

20

Namni tokkos, "haati teetii fi

obboleeyyan kee si arguu barbaadanii

ala ijaajjanii jiru" jedhee

isatti hime.

21 Inni garuu deebisee, "haati

tiyyaa fi obboleeyyan kiyya

warra dubbii Waaqaa dhagahanii

hujii irra oolchaniidha"jedhe.

Yesuus Obombolettii

Qabbaneessuu Isaa

8:22-25 Kwf ⇒ Mat 8:23-27; Mar 4:36-41

8:22-25 Wbq ⇒ Mar 6:47-52; Yoh 6:16-21

22 Gaaf tokko Yesuus barattoota

isaa waliin bidiruu h yaabbate;

innis, "mee hara kana gama haa

ceenuu i " isaaniin jedhe; isaanis

deemuu jalqaban. 23 Yesuusis otoo

isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu

hirriibni qabee rafe. Obombolettiinis

hara sana irratti ka'ee, bidiruun

sun bishaaniin guutamuu

jalqabde; isaanis akka malee

cinqamaa turan.

24 Barattoonnis dhaqanii, "Yaa

Gooftaa, Yaa Gooftaa, nu dhumuutti

jirra!" jedhanii isa dammassan.

Innis ka'ee bubbeefi raafama

bishaanichaatti dheekkame.Obombolettiin

sunis gab j jedhe; qab-

144

banni guddaanis ni bu'e. 25 Barattoota

isaas; "amantiin keessan

eessa jira?" jedhee gaafate.

Jarris sodaafi dinqifannaan k "inni

bubbee fi bisaanillee ajaju, kan

isaanis ajajamaniif kun eenyu?"

jedhanii wal gagaafatan.

Namichi Jinniini Qabe Tokko

Fayyifamuu Isaa

8:26-37 Kwf ⇒ Mat 8:28-34

8:26-39 Kwf ⇒ Mar 5:1-20

26 Isaanis gara biyya geraasenoon

ishii fuullee l Galiilaatti argamtuutti

hoboloodhaan ce'an. 27 Yommuu

Yesuus hoboloo irraa bu'ettis

namichi magaalaa sanaa kan

jinniin qabee ture tokko isatti

dhufe; namichi kun yeroo

dheeraadhaaf uffata hin uffatu

ture; awwaala jidduu jiraata

malee mana keessa hin jiraatu

ture. 28 Innis yommuu Yesuusin

argetti iyyee miila isaa irratti lafa

dhahe; qoonqa ol fudhatees, "yaa

Yesuus ilma Waaqa guddichaa,

ati maal narraa qabda? ani sin

kadhadha; na hin dhiphisin!" jedhe.

29

Kunis sababii Yesuus akka

hafuurri xuraawaan sun namicha

keessaa bawu ajajeef. Hafuurri

sunis yeroo baayee itti ka'aa ture;

namichi sunis harkaafi miilli isaa

sansalataan m hidhamee eegamaa

h 22 ykn hoboloo; i 22 ykn haataakkinuu;

j 24 ykn caqalli; k 25 ykn maadeen/

ajaa'ibsiifachaan; l 26 ykn adda; m 29 ykn

aada sibiilaa /fooncaa /sinsilaata

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!