21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Luqaas 17:6

6 Gooftaanis akkana jedhe;

"isin amantii diqqoo hanga gumaa

sanaaficaallee g yoo qabaattan,

muka qilxuu kanaan; 'buqa'iitii

galaana keessa dhaabami!' jechuu

dandeettu; innis isinii ajajama.

7 "Isin keessaa namni tokko

garbicha lafa qotu yookaan kan

hoolota h tissu qaba haa jennuu;

inni yeroo garbichi sun alaa

galutti,' dafii koottuutii taa'ii waa

nyaadhu' jedhaanii? 8 Qooda kanaa

inni garbicha sanaan, ‘irbaata i naa

qopheessi; hanga ani nyaadhee

dhugutti marxifadhuutii na tajaajili

j ; sana booddee k ati ni nyaattaa;

ni dhuddas’ hin jedhuunii?

9

Namichis sababii garbichi sun

waan ajajame sana raawwateef l

isa ni galateeffataa? 10 Kanaaf

isinis yommuu waan ajajamtan

hunda raawwattanitti, 'nu garboota

faayidaa hin qabnee dha;

Waanuma hojjachuu qamnu qofa

hojjanne ' jedhaa."

Lamxaa'onni Kudhan Fayyuu

Isaanii

11 Yesuus otoo Yerusaalem dhaquu

Samaariyaa fi Galiilaa jidduu

dabraa ture. 12 Akkuma inni

ganda tokko seeneenis, namoonni

lamxaa'an m kudhan isatti dhufan.

Isaanis fagoo dhadhaabatanii,

13 n

Sagalee isaanii ol-fudhatanii,

'Yesuus Yaa Gooftaa, nuu nayi!'

jedhan.

14 Innis yommuu isaan argetti,

172

"dhaqaatii lubootatti o of agarsiisaa!"

jedheen; isaanis otuma

deemaa jiranuu qulqullaawan.

15 Isaan keessaas inni tokko

yommuu fayyuu isaa argetti qoonqa

guddaan Waaqayyoof ulfinna

kennaa deebi'ee dhufe. 16 Adda

isaatiinis miila Yesuusi irratti

gombifamee isa galateeffate; innis

nama Samaariyaa ture.

17 Yesuusis akkana jedhee gaafate;

"kurnanuu p qulqullaawaniiruu

mitii? yoos Warri hafan saglan

eessa dhaqan? 18 Nama ormaa

kana malee namni Waaqaaf galata

galchu tokkolleen hin argamnee?"

19

Yesuusis,"ka'ii deemi; amantiini

kee si fayyiseeraatii" jedheen.

Dhufaatii Mootummaa

Waaqayyoo

17:26, 27 Kwf ⇒ Mat 24:37-39

20 Fariisonnis mootummaan

Waaqayyoo yoom akka dhufu

Yesuusin gaafatan; innis akkana

jedhee deebiseef; "mootummaan

Waaqayyoo namatti muldhachaa

hin dhufu; 21 Namoonnis, 'mootummaan

Waaqayyoo kunoo asi jira'

yookaan 'kuunnoo achi jira' hin

jedhan; mootummaan Waaqayyoo

isin jidduu jiraatii."

g 6 ykn dambiillee; h 7 ykn ooliyyee; i 8 ykn

golola galgalaa/dhiyanaa; j 8 ykn na

jala hojjadhu; k 8 ykn duubatti; l 9 ykn

hojjateef; m 12 ykn qomaaxa'an/lamxaayan

n 13 ykn qoonqoo /qoonqa; o 14 ykn qaallolee;

p 17 ykn kudhannanuu

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!