21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

sun dhagaawwan babbareedaaniifi

kennaawwan waaqaaf kennamaniin

itti midhaaffame dudubbachaa

turan. Yesuus garuu akkana

jedhe; 6 "Wanni isin ilaaltan

kun martinuu otoo dhagaan tokkoyyuu

wal-irratti hin hafin yeroon

inni itti diigamu tokko ni

dhufa."

7 Isaanis, "yaa barsiisaa, wanni

kun hundi yoom ta'a? yommuu

ta'uun isaa dhiyaatuttis milikkinni

w isaa maali?" jedhanii

isa gaafatan.

8 Innis deebisee akkana jedhe;

"isin akka karaa irraa hingorreef

of eegadha; namoonni hedduun,

'ani isa; yeroon sun dhiyaateera'

jechaa maqaa kiyyaan ni dhufuutii;

isin garuu isaan hinhordofinaa.

9 Yommuu waayee waraanaatii fi

waayee fincilaa x dhageettanitti,

hin rifatinaa; wanni kun duraan

dursee ta'uu qabaatii. Dhumni

isaa garuu yeruma sana hin ta'u."

10 Innis akkana isaaniin jedhe;

"sabni sabatti ka'a; mootummaanis

mootummaatti ka'a. 11 Naannoo

adda addaattis sochiin lafaa

hamaan, beellii fi golfaan y ni

dhufa; samii irrattis wanni sodaachisaanii

fi milikkinni gugurdaan

ni ta'a.

12 "Kana cufa dura garuu isin

qabu; isin gaargalchus z . Dabarsaniis

Manneen sagadaatii fi

manneen hidhaatti isin kennu;

maqaa kiyyaaf jettaniis fuula

183 Luqaas 21:22

moototaatii fi bulchitootaa duratti

ni dhiyeeffamtu. 13 Kunis

akka isin dhugaa baataniif a karaa

isinii bana. 14 Isin duraan dursitanii

deebii keessan qopheeffachuu

hinqabdan; kanas jabeessaatii

yaadatti qabadhaa. 15 Anuu dubbii

fi qarooma diinoonni keessan

tokkolleen danda'anii dura hin

dhaabanne yookiin hinmormine

isinii kennaatii. 16 Abbaa fi haatii

keessan, obboleeyyan keessan,

firoonniifi jaallan b keessanilleen

dabarsanii isin kennu; isin

keessaas tokko tokko ni ajjeesu.

17 Namoonni hundinuu maqaa

kiyyaaf jedhanii isin jibbu. 18 Garuu

rifeensi mataa keessanii tokkoyyuu

hin badu. 19 Isinis yoo

jabaattanii dhaabattan lubbuu keessan

ni oolfatu.

20 " Isin yommuu Yerusaalemi

loltootaan marfamtee argitanitti

akka badiin ishii dhiyaate beekaa.

21 Yeroo sana warri Yihuudaa

keessa jiran gaaratti haa

baqatanii; warri magaalaa c

keessa jiranis achii haa ba'anii;

warri baadiyaa immoo magaalaa

hin seenin. 22 Akka wanni barreeffame

cuftinuu raawwatamuuf

d yeroon kun yeroo haaloo e

w 7 ykn malkata/milikkeeta; x 9 ykn finqilaa;

y 11 ykn dhukkubii namatti dadabru; z 12 ykn

ariyatu /baqachiisu; a 13 ykn rageessitaniif

/dhugeessitaniif; b 16 ykn michoota/

hiriyyoota; c 21 ykn dira; d 22 ykn guutamuuf;

e 22 ykn haluu

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!