21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

dhukkuba kee irraa fayyiteerta"

jedheen, 13 Innis harka isaa ishii

irra kaa'e; ishiinis yeruma sana

ol- jettee Waaqa galateeffatte.

14 Bulchaan mana sagadaas

sababii Yesuus guyyaa sanbataatiin

nama fayyiseef aaree

namootaan, "guyyaan hujii

ja'attu jira; guyyoota sana koottaatii

fayyifamaa malee guyyaa

sanbataa hindhufinaa" jedhe.

15 Gooftaan immoo akkana jedhee

deebiseef; "fakkeessitootanana w !

Isin keessaa namni guyyaa sanbataa

qotiyyoo isaa yookiin harree

isaa moonaa keessaa hiikee

bisaan obaasuu hingeessine jiraa?

16

Yoos dubartiin tun intalli Abraahami

tan Sheexanni waggaa

kudhanii saddeeti guutuu hidhee

ture tun guyyaa Sanbataatiin

hidhaa kana irraa hiikamuun isiif

hin maluu?"

17 Yommuu inni waan kana

dubbatetti mormitoonni isaa hundi

ni qaana'an x ; namoonni garuu

hujjiiwwan baasaa kanneen inni

hojjachaa ture hundatti ni gammadan.

Fakkeenya Sanyii Sanaaficaatiifi

Fakkeenya Raacitii

13:18, 19 Kwf ⇒ Mar 4:30-32

13:18-21 Kwf ⇒ Mat 13:31-33

18 Yesuusis akkana jedhee

gaafate;" mootummaan Waaqayyoo

maal fakkaata? anis maaliin

wal isa qixeessa? 19 Mootummaan

Waaqayyoo, sanyii sanaaficaa y

163 Luqaas 13:25

kan namni tokko fuudhee oobruu z

isaa keessatti facaase fakkaata;

Sanyiin sunis guddatee muka

ta'e; simbirroonni a samiis damee

isaa irratti mana ijaarratan."

20 Ammas akkana jedhee gaafate;

"ani mootummaa Waaqayyoo

maaliin wal qixeessa? 21 Mootummaan

Waaqayyoo Raacitii b

dubartiin tokko fuutee daakuu

guddaatti naxxee hanga hundi

isaa bukaawutti walitti makte

fakkaata."

Balbala Dhiphaa

22 Yesuusis Otoo gara Yerusaalemi

deemuu namoota barsiisaa

magaalotaa c fi gandoota

keessa dabraa ture. 23 Namichi

tokkos, "Yaa Goofataa warri

fayyifaman namoota muraasa d

qofaa?" Jedhee isa gaafate.

Innis akkana isaaniin jedhe;

24

"Balbala dhiphaadhaan ol

seenuu yaalaa; ani isinittin hima;

namoonni baay'eeni ol seenuu ni

yaaluutii; garuu hin danda'an.

25

Abbaan mana sanaa takkaa

ka'ee balbalicha cufannaan isin

ala dhaabatanii balbala rurrukutaa

e , 'Yaa gooftaa balbala nuu

bani ' jettanii kadhattu.

Inni garuu deebisee, ' ani isin

hin beeku yookaan eessaa akka

w 15 ykn goophesse/gad gosse; x 17 ykn

nimullan; y 19 ykn Dambii; z 19 ykn

maasii /maasaa; a 19 ykn simphirreen,

b 21 ykn bukoo; c 22 ykn diraa; d 23 ykn

takkee; e 25 ykn dhadha'aa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!