21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

26 Yesuusis deebisee, "seera keessatti

maaltu barreeffame? Atis

akkamitti dubbifta?" jedheen.

27 Namichis, " 'Waaqa kee goofticha

garaa kee guutuun, lubbuu kee

guutuun, humna kee guutuun, yaada

kee guutuun jaaladhu; ollaa kees

akkuma mataa keetiitti jaaladhu'

" jedhee deebise.

28 Yesuusis, "sirriitti l deebifteerta;

atis kanuma godhi ni jiraattaa"

jedheen.

29 Namichi sun garuu qajeelaa

uf-gochuu barbaadee, "ollaan kiyya

eennu? "jedhee Yesuusin gaafate.

30 Yesuusis deebisee akkana

jedhe; "namichi tokko otoo Yerusaalemii

ba'ee Yerikootti gadi

bu'aa jiruu harka saamtotaa seene.

Isaanis uffata isaa irraa baafatanii,

tumanii, du'aa fi jireenya

jidduutti isa dhiisanii deeman.

31 Lubni m tokko otoo akkuma

tasaa karaa sanaan gadi bu'uu

namicha argee irraa goree dabre.

32 Akkasumas namichi gosa Leewii

tokko yommuu bakka n sana

ga'eetti namicha sana argee irraa

goree dabre. 33 Namichi Samaariyaa

tokko garuu otoo deemaa

jiruu bakka namichi sun jiru ga'e;

yommuu isa argettis garaa laafeef.

34 Innis itti dhiyaatee zayitii fi

daadhii wayinii madaa isaatti

naqee hidheef; harree isaa irras

153 Luqaas 10:40

kaa'ee, mana boqonnaa keessummootaatti

isa geesse; achittis isa

gargaare. 35 Guyyaa itti aanutti

diinaara lama baasee abbaa mana

boqonnaa sanaatti kennee, 'namicha

kana ittiin naa waldhaani; yoo

kana caalaa baaftes ani yeroo

deebi'ee dhufutti siifin kenna' jedheen.

36 "Egaa jara sadan kanneen

keessaa ollaan namicha harka

saamtotaa seene sanaa isa kam

seeta?"

37 Hayyuun seeraa sunis, "isa

garaa laafeef sana" jedheen.

Yesuusis, "atis dhaqiitii akkasuma

godhi" jedheen.

Yesuus mana Maartaatii Fi

Maariyaamii Dhaquu Isaa

38 Otoo karaa deemaa jiranuu

Yesuus ganda tokko seene; dubartiin

Maartaa jedhamtu tokkos

mana ishiitti isa simatte. 39 Ishiinis

obboleettii Maariyaam jedhamtu

tokko qabdi turte; Maariyaamis

miila Gooftaa jala teettee waan

inni jedhu caqasaa o turte. 40 Maartaan

garuu baay'inna hujiitiin waan

dadhabaa turteef gara isaa dhuftee,

"yaa Gooftaa, obboleettiin tiyya

l 28 ykn akka dansaa; m 31 ykn qaalluuni,

n 32 ykn fulaa o 39 ykn dhageeffachaa

10:34 Zayitii fi daadhii wayinii - Akka qorichaatti fayyadaa turan. Zayitiin ejersaa

cinqii dhukkubaa fooyyessa ture; daadhiin wayinii ammoo akka madaan hin

kulkulle godha ture.

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!