21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

inni facaasaa jiruus sanyiin

tokko tokko karaa irra bubbu'ee

irra ejjatame; simbirroonni x samiis

ni nyaatan. 6 Sanyiin kaanis lafa

qarsaa qabu irra bu'e; innis waan

jiidha dhabeef yeroo biqiletti ni

goge. 7 Sanyiin tokko tokkos

qoraattii y keessa bubbu'e; qoraattiin

sunis biqila sana wajjiin guddatee

isa hudhe z . 8 Kaan immoo

biyyee gaarii irra bubbu'e; guddatees

firii dachaa a dhibba naqate.

Yesuusis yommuu waan kana

dubbatetti sagalee b isaa ol-fudhatee,

"namni gurra dhagawu qabu haa

dhagawuu" jedhe.

9 Barattoonni isaas hiikkaan fakkeenya

kanaa maal akka ta'e isa

gaafatan. 10 Innis akkana jedhe;

"iccitii c mootummaa Waaqayyoo

beekuun isinii kennameera; warra

kaanitti garuu fakkeenyaan nan

dubbadha; kunis akka isaan;

" 'otuma ilaalanuu hin argineef,

otuma dhagayanuus, hin

hubanneef.'

11 "Egaa hiikkaan fakkeenyichaa

kana; sanyiin sun dubbii Waaqayyoo

ti; 12 Sanyiin karaa irra bubbu'e

sun namoota dubbicha dhagayanii

dha; akka isaan amananii d

hin fayyineef Daabiloos dhufee

dubbii sana garaa isaanii keessaa

fudhata. 13 Sanyiin lafa qarsaa

qabu irra bubbu'e sunis warra

yommuu dubbicha dhagayanitti

gammachuun fudhatanii dha; isaan

143 Luqaas 8:18

garuu hidda hin qaban; Yeroof

amanu malee yeroo qorumsaatti e

ni ganu f . 14 Sanyiin qoraattii keessa

bubbu'es warra dubbicha dhagayanii

dha; isaanis akkuma

karaa isaanii itti fufaniin yaaddoon,

badhaadhummaan, jireenna

qananiitiinis g hudhamu; firiin

isaaniis hin bilchaatu. 15 Sanyiin

biyyee gaarii irra bubbu'e garuu

warra dubbicha dhagayanii garaa

amanamaafi gaariidhaan fudhatanii

obsaan firii naqatanii dha.

Ibsaafi Baattuu Isaa

16 "Namni kamiyyuu ibsaa qabsiisee

waa itti hingombisu yookiin

siree jala hin kaa'u; qooda kanaa

akka warri olseenan ifa isaa arganiif

baattuu ibsaa irra kaa'a.

17

Wanni dhoffamee otoo hin

mullifamin hafu, yookaan wanni

haguugamee otoo hin beekamin

hafu yookaan otoo ifatti hin

baafamin hafu tokkolleen hin

jiruutii. 18 Kanaaf akkamitti akka

dhageeffattan qalbeefadhaa! nama

waa qabu kamiifiyyuu itti

ida'amee ni kennama; nama waa

hinqabne kamiyyuu garuu wanni

inni waan qabu of se'uyyuu irraa

fudhatama.

x 5 ykn simphirreeni; y 7 ykn qoree; z 7 ykn

ukkaamse/liqimse; a 8 ykn midhaani harka;

b 8 ykn qoonqoo/qoonqa; c 10 ykn dossaa;

d 12 ykn dhugeeffatanii; e 13 ykn ilaallattootti;

f 13 ykn inmormatan; g 14 ykn

machiitiin

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!