21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 7:41

Innis, "Yaa Barsiisaa natti himi"

jedhe.

41 Yesuusis akkana jedheen;

"Namoonni lama nama horii

liqeessu tokko irraa horii liqeeffatan;

inni tokko diinaarii dhibba

shan liqeeffate; kaan immoo

diinaarii shantama liqeeffate. 42 Jarri

lachuu waan isaaf baasan dhabnaan

dhiiseef; egaa jara lamaan

keessaa kamtu caalaa isa jaalata?

43 Simoonis deebisee, "isa liqiin

guddaan dhiifameef sana natti

fakkaata" jedheen.

Yesuusis, "dhugaa dubbate"

isaan jedhe.

44 Innis dubartittiitti garagalee

Simooniin akkana jedhe; "dubartii

tana argitaa? Ani mana kee nan

dhufe; ati bishaan miilaallee naa

hin kennine; ishiin garuu imimmaan

ishiitiin miila kiyya dhixxee

rifeensa mataa ishiitiin haaxxe.

45 Ati na hin dhuunganne; dubartiin

tun garuu yeroo ani ol seenee

jalqabdee miila kiyya dhuungachuu

hindhiifne. 46 Ati Zayitiillee

mataa kiyya hin dibne; ishiin

garuu dibata urgaa'aa miila kiyya

dibde. 47 Kanaaf ani sittin hima;

Sababii jaalalli ishii guddaa

ta'eef cubbuun ishii baay'een sun

ishiif dhiifameera s . Namni cubbuun

xiqqoon dhiifameef garuu

jaalalli isaa xiqqoodha."

48 Yesuusis dubartittiin, "cubbuun

kee sii dhiifameera" jedhe.

49 Warri isa waliin maaddiitti

142

dhiyaatanii turanis, "namni cubbuullee

namaa dhiisu kun eennu?"

waliin jechuu jalqaban.

50 Yesuusis dubartittiin, "amantiin

kee si fayyiseera; nagayaan gali"

jedhe.

Fakkeenya Namicha Sanyii

Facaasuu

8:4-15 Kwf ⇒ Mat 13:2-23; Mar 4:1-20

8 Yesuusis kana booddeet ,

Wangeela mootummaa

Waaqayyoo lallabaa fi labsaa

magaalaa u tokko irraa gara magaalaa

dhibii v , ganda tokko irraas

gara ganda dhibii deema ture;

warri kudhanii lamaanis isa

wajjiin turan. 2 Dubartoonni w

hafuura xuraawaa fi dhukkuba

irraa fayyifaman tokko tokkos

isa wajjiin turan; isaanis Maariyaam

isii nama Magdalaa

jedhamtu tan jinniiwwan torba

isii keessaa ba'an, 3 Yo'aanaa niitii

Kuuzii isa eedduu mana Heroodisi

ture, Soosaanaa fi Dubartoota

dhibii baay'ee turan; Dubartoonni

kunneenis waan qabaniin

Yesuusiifi barattoota isaa gargaaraa

turan.

4 Yeroo tuunni guddaan walitti

qabamee namoonnis magaalota

hunda keessaa gara isaa dhufanitti

Yesuus akkana jedhee

fakkeennaan isaanitti dubbate;

5 Namichi sanyii facaasu tokko

sanyii facaafachuu dhaqe; otoo

s 47 ykn ya haaqame; t 1ykn duubatti; u 1 ykn

dira; v 1 ykn biraa; w 2 ykn nadheeni

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!