21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

2 Namichi nafni isaa iita'e tokkos

fuula isaa dura ture. 3 Yesuusis,

"guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun

ni eeyyamama moo hin

eeyyamamu?" jedhee Fariisotaa

fi hayyoota seeraa gaafate. 4 Isaan

garuu nicaldhisan; Innis namicha

harkaan qabatee fayyisee gadi

isa lakkise.

5 Innis, "Isin keessaa namni yoo

ilmi isaa yookaan qotiyyoon isaa

guyyaa Sanbataatiin boolla

keessa bu'e, guyyuma sana boolla

keessaa hin baafanne eenyu?"

jedhee gaafate. 6 Isaan garuu deebii

kennuu hin dandeenye.

7 Innis yommuu akka keessumoonni

sun bakka q ulfinnaa filatan

hubatetti akkana jedhee fakkeenna

kana isaanitti hime; 8 "Yoo

namni tokko cidha r fuudhaa fi

heerumaatti si waame, bakka

ulfinnaa hin taa'in; tarii s namni

si caalaa ulfinna qabu tokko

waamameera ta'aatii. 9 Namichi

isin lamaanuu waame sun

dhufee, 'namicha kanaaf ka'i' siin

jedha; atis qaanoftee t dhaxxee

lafa bakka hundumaa gadi

ta'e teetta. 10 Ati garuu yommuu

waamamtu akka namichi si waame

sun yeroo dhufutti, 'yaa jaala u

kiyya bakka ol aanutti hiiqi v' siin

jedhuuf dhaqii lafa bakka hundumaa

gadi ta'e taa'i; yoos fuula

warra si wajjiin maaddiitti w dhiyaatan

hundumaa duratti ulfinna

argattaatii. 11 Namni ol uf qabu

165 Luqaas 14:17

martinuu gadi qabamaatii; namni

gadi uf qabu martinuu immoo ol

qabama."

12 Yesuusis namicha isa waame

sanaan akkana jedhe; "ati yommuu

laaqana x yookiin irbaata y

qopheessitu michoota kee yookiin

obboleeyyan kee, yookiin firoota

kee, yookiin olloota kee warra

dureeyyii hin waamin; yoo akkas

goote isaanis deebisanii si waamu

gatiin kees sii deebifama. 13 Garuu

yommuu nyaachisa qopheessitu

hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi

jaamaa waami. 14 Sababii isaan

waan sii deebisan hinqamneef ati

ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa

du'aa ka'iisa qajeeltotaatti sii

deebifamaatii.

Fakkeenna Nyaachisa Guddaa

14:16-24 Wbq ⇒ Mat 22:2-14

15 Warra isa waliin maaddiitti

dhiyaatan keessaa namichi tokko

yommuu waan kana dhaga'etti

Yesuusiin, "namni mootummaa

Waaqayyoo keessatti maaddiitti

dhiyaatu eebbifamaadha" jedhe.

16 Yesuus ammoo deebisee akkana

jedheen, "namichi tokko

nyaachisa guddaa qopheessee

keessumoota hedduu waame.

17 Namichi sunis sa'aatii nyaataatti

akka garbichi isaa 'kunoo, wanni

q 7 ykn fulaa; r 8 ykn jila; s 8 ykn gaafiin;

t 9 ykn mullite; u 10 ykn michuu/hiriyyaa;

v 10 ykn siiqi; w 10 ykn gololatti x 12 ykn

golola guyyaa /dhiyana; y 12 ykn golola

galgalaa/ dhiyana

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!