21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 20:8

8 Yesuusis, "anis akka aangoo

maaliitiin waan kana hojjadhu

isinitti hin himu" jedheen.

Fakkeenya Qottootaa Hamoo

20:9-19 Kwf ⇒ Mat 21:33-46; Mar 12:1-12

9 Innis akkana jedhee fakkeenya

kana namootatti himuu jalqabe;

"namichi tokko biqiltuu wayinii

dhaabee, erga qottootatti kiraa

kennatee booddee g biyya fagoo

dhaqee yeroo dheeraa ture. 10 Innis

yeroon itti midhaan walitti

qabamu geennaan, akka isaan

oomisha h wayinii iraa waa itti

kennaniif garbicha tokko qottoota

sanatti ergate. Qottoonni sun

garuu garbicha sana tumanii harka

isaa duwwaa of-irraa deebisan.

11 i

Kana booddees garbicha dhibii

ergate; isaan garuu isas tumanii,

qaanessaniis j harka isaa duwwaa

of-irraa deebisan. 12 Ammas garbicha

sadaffaa ergate; isaan

immoo isas madeessanii gadi isa

darbatan.

13 "Abbaan oobruu k wayinii sunis,

'maal gochuu naa wayya? Ka'ee

ilma kiyya isa jaalatamaa itti

erga; tarii l isa ni sodaatu ta'aatii'

jedhe.

14 "Qottoonni sun garuu yommuu

isa arganitti,' inni abbaa

oobruu wayinii kanaa dhaalu isa

kana; akka dhaalli isaa keenya

ta'uuf, koottaa isa haa ajjeefnuu'

waliin jedhani. 15 Isaanis oobruu

wayinii keessaa gadi baasanii isa

ajjeessan.

180

"Egaa abbaan oobruu Sanaa

maal isaan godhinna laata? 16 Inni

dhufee qottoota sana ni barbadeessa;

oobruu sanas qottoota gara

biraatti ni kennata."

Namoonnis yommuu waan kana

dhagayanitti, "Waaqni waan kana

hinfidin!" jedhan.

17 Yesuusis isaan ilaalee, akkana

jedhe; "egaa inni,

" 'dhagaan ijaartonni tuffatan sun

dhagaa golee m ta'e' jedhamee

barreeffame maal jechuu

isaati ree?

18 n

Namni dhagaa sana irratti kufu

martinuu ni caccaba; namni

dhagichi isa irratti kufu garuu ni

bututa."

19 Barsiistonni seeraatiifi luboonni

hangafoonni akka inni fakkeenya

kana isaan irratti dubbate waan

hubataniif yeruma sana isa qabuuf

yaalii gochaa turan; garuu namoota

sodaatan.

Qeesaariif Gibira Kaffaluu

20:20-26 Kwf ⇒ Mat 22:15-22; Mar 12:13-17

20 Jarris isa eegaa, akka isaan

waan inni dubbatuun isa qabanii

dabarsanii humnaa fi aangoo

bulchaa biyyaatti isa kennaniif

jedhanii gaadduuwwan namoota

qajeeloo uf-fakkeessan ergan.

21

Gaadduwwan sunis akkana

g 9 ykn duubatti; h 10 ykn midhaani; i 11 ykn

biraa; j 11 ykn mullisiisanii/ceersanii;

k 13 ykn maasaa /maasii; l 13 ykn gaafiin;

m 17 ykn mikikkilaa; n 18 ykn jigu

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!