21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 23:13

13 Philaaxoosis luboota hangafootaa,

bulchitootaa fi saba walitti

waamee, 14 akkana isaaniin jedhe;

"isin namichi kun,'karaa irraa saba

jallisa' jettanii isa natti fiddan;

anis fuuluma keessan duratti isa

qoree, akka inni waan isin ittiin

isa himattan sana keessaa tokkollee

hojjate hinagarre. 15 Heroodisis

waan tokkollee isa irratti

hin agarre; inni deebisee isa

nutti ergeeraatii. Akkuma isin

agartan kana namichi kun waan

du'aan isa ga'u tokkollee hin

hojjanne. 16 Kanaaf ani namicha

kana adabee gadi isa dhiisa."

17 Philaaxoosis guyyaa ayyaanaatiin

q nama tokko mana hidhaatii

gadi isaanii dhiisuun giddii ture'.

18 Isaan sagalee r tokkoon iyyanii,

"namicha kana ajjeesi; barbaasin

gadi nuu dhiisi!" jedhan. 19 Barbaas

sababii fincila s magaalaa t

keessatti ka'eetii fi ajjeechaa

namaatiin mana hidhaa keessa

buufamee ture.

20 Philaaxoos waan Yesuusin

gadi dhiisuu barbaadeef ammas

isaanitti dubbate. 21 Isaan garuu,

"isa fannisi! isa fannisi!" jedhanii

iyyaa turan.

22 Innis yeroo sadaffaa, "maaliif?

namichi kun maal balleesse? Ani

yakka du'atti isa geessu isa irratti

hin agarre; kanaaf ani adabee

gadi isa dhiisa" isaaniin jedhe.

23 Isaan garuu ittuma fufanii

akka Yesuus fannifamuuf qoonqa

190

guddaan kadhatan; iyyi u isaaniis

ittuma jabaatte. 24 Kanaaf philaaxoos

waan isaan kadhatan sana

isaanii kennuu murteesse. 25 Innis

namicha sababii fincilaatii fi sababii

ajjeechaa namaatiin mana hidhaa

keessa buufamee, kan isaan akka

inni hiikamuuf kadhatan sana

gadi dhiise; Yesuusin garuu dabarsee

fedhii isaaniitti kenne.

Yesuus Fannifamuu Isaa

23:33-43 Kwf ⇒ Mat 27:33-44; mar

15:22-32; Yoh 19:17-24

26 Isaanis otoo Yesuusin fuudhanii

deemaa jiranuu Simoon nama

Qareenaa tokko isaa baadiyaadhaa

dhufaa jiru qaban; fannoo

sanas isa irra kaa'anii akka inni

baatee Yesuus duubaan deemu

isa giddisiisan. 27 Namoonni baay'een,

dubartoota v keessaas warri isaaf

gaddaa w fi boo'aa turan isa hordofan.

28 Yesuusis isaanitti garagalee

akkana jedhe; "Yaa dubroota

Yerusaalem, ofii keessanii fi

ijoollee keessaniif boo'aa malee

naa hin booyinaa, 29 Kunoo guyyoonni

itti namoonni, 'dubartoonni

dhabdoonni x , garaan takkumaa

ulfa hin baatiniifi harmi takkumaa

hin hoosisin eebbifamoodha'

jedhan nidhufuutii. 30 Yeroo sana,

" 'namoonni gaarootaan,' nurratti

jigaa!"

q 17 ykn jilaatiin; r 18 ykn qoonqa/qoonqoo;

s 19 ykn finqila; t 19 ykn dira; u 23 ykn

iyyanti; v 27 ykn nadheeni; w 27 ykn laaleffataniifii;

x 29 ykn maseenii

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!