21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

dubartoota n irraa dhalatan keessaa

namni Yohaannis cuuphaa

caalu tokkoyyuu hin jiru. Garuu

namni mootummaa Waaqaa keessatti

nama hundumaa gadi ta'e

inni isa caala."

29 Namoonni cufti, warri qaraxa

walitti qabanilleen waan harka

Yohaannisiitti cuuphamanii turaniif

yommuu dubbii Yesuusii dhagayanitti,

karaan Waaqayyoo

qajeelaa ta'uu isaa mirkaneessan.

30 Fariisonnii fi beettoonni

seeraa garuu sababii harka Yohaannisiitti

hin cuuphaminiif yaada

Waaqni isaaniif qabu fudhachuu

didan.

31 Gooftaanis akkana jedhe;

"Yoos ani nama dhaloota bara

kanaa maaliin wal fakkeessuu

danda'a ree? Isaan maal fakkaatu?

32

Isaan akkuma ijoollee lafa gabayaa

tataa'ani wal-waamanii akkana

jedhaniiti;

" 'Nu ulullee isinii afuufne;

Isin garuu hin sirbine;

Faaruu boo'ichaas isinii faarfanne;

Isin garuu hin - boonye.'

33 Yohaannis cuuphaan yeroo

dhufetti buddeena hin nyaatu

ture; daadhii Wayiniis hin dhugu

ture; isin immoo, 'inni jinnii

qaba' jettu; 34 Ilmi namaa yeroo

dhufetti ninyaata, nidhugas ture;

isin immoo, 'ilaa! nyaattuu fi

Machooftuu, jaala o warra qaraxa

141 Luqaas 7:40

walitti qabaniitii fi cubbamtootaa!'

jettu. 35 Garuu qaroomni ijoollee

ishii hundumaan mirkaneeffamti.”

Yesuus Urgooftuu Dibamuu isaa.

7:37-39 Wbq ⇒ Mat 26:6-13; Mar 14:3-

9; Yoh 12:1-8

7:41, 42 Wbq ⇒ Mat 18:23-34

36 Fariisota keessaa namichi

tokko akka inni isa waliin nyaatuuf

Yesuusin affeere p , innis mana

Fariisichaa dhaqee maaddiitti q

dhiyaate. 37 Dubartiin cubbamtuun

magaalaa sana keessa jiraattu

tokkos yommuu akka Yesuus mana

fariisichaatti maaddiitti dhiyaatee

jiru bartetti dibata urgaa'aa

bilqaaxxii r albaasxiroositti fudhattee

dhufte. 38 Ishiinis boo'aa

dudda isaa duubaan miila isaa

bira dhaabattee imimmaan ishiitiin

miila isaa dhiquu jalqabde; rifeensa

mataa ishiitiinis miila isaa haaxxee

dhuungattees dibata urgaa'aa miila

isaa dibde.

39 Fariisichi isa affeere sunis

waan kana argee, "namichi kun

otoo raaga ta'ee, dubartiin isa

tuxxu tun eenyu akka taate,

nama akkamiis akka taate ni

beeka ture; ishiin cubbamtuudhaatii"

jedhee garaa isaa keessatti

yaade.

40 Yesuusis deebisee, "Yaa Simoon,

ani waan sitti himu tokko

qaba" jedheen.

n 28 ykn nadheeni; o 34 ykn michuu;

p 36 ykn waame; q 36 ykn gololatti;

r 37 ykn duloo

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!