21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Luqaas 10:14

otoo hujiin dinqii c kan isin keessatti

hojjatame sun Xiroosii fi

Siidoonaa keessatti hojjetamee

isaan silaa yeroo dheeraan dura

uffata gaddaa d uffatanii, daara

keessas tataa'anii cubbuu irraa

deebi'u turan. 14 Garuu guyyaa

murtiitti isin irra Xiroosii fi sidoonaadhaaf

salphaa ta'a. 15 Atis

yaa Qifirnaahom,hanga samiitti

ol kaafamtee? ati gara Si'ooliitti

gadi buuta.

16 "Namni isin dhagawu na

dhaga'a; namni isin dhagawuu

didu nas hindhaga'u; namni na

dhagawuu didu ammoo isa na

erge sana hindhaga'u."

17 Namoonni torbaatamii lamaan

sunis gammachuun deebi'anii, "Yaa

Gooftaa, jinniiwwanilleen maqaa

keetiin nuu ajajamaniiru" jedhan.

18 Yesuusis deebisee akkana

jedhe; "ani otoo Sheexanni akkuma

balaqqeetti e samii irraa bu'uu

nan arge. 19 Kunoo, ani akka isin

bofaa fi torbaan - qabaa f lafatti

dhidhiittaniifi akka humna diinaa

g maras moo'attaniif aangoo h

isinii kenneera; wanni kamiyyuus

isin hin miidhu. 20 Garuu

sababii maqaan keessan samii

keessatti barreeffameef gammadaa

malee sababii hafuuronni isinii

ajajamaniif hin gammadinaa."

21 Yesuusis yeroo sana gammachuu

Hafuura Qulqulluutiin i guutamee

akkana jedhe; "Yaa Abbaa,

Gooftaa samiitii fi lafaa,

152

sababii ati waan kana hundumaa

ogeeyyii fi beettota jalaa dhossitee

ijoollee didiqqootti mullifteef

ani sin galateeffadha. Eeyee

Yaa Abbaa, wanni kun fedhii

kee ta'eeraatii.

22 "Abbaan kiyya waan cufa

natti kenneera; Abbaa malee

namni tokkolleen Ilmi eenyu akka

ta'e hinbeeku; ilmaa fi nama ilmi

itti mullisuu fedhu malee namni

tokkolleen Abbaan eenyu akka

ta'e hinbeeku."

23 Barattoota isaattis gargalee

kophaatti akkana jedheen; "iji j

waan isin argitan argu eebbifamaa

dha. 24 Ani isinittin himaatii

raagonnii k fi mootonni baay'een

waan isin argitan kana arguu

barbaadanii turan; garuu hin

argine. Waan isin dhageettan

kanas dhagawuu barbaadanii

turan; garuu hin dhageenye."

Fakkeenna Namicha Samaariyaa

Tokkoo

10:25-28 Kwf ⇒ Mat 22:34-40;

Mar12:28-31

25 Gaafa tokko, hayyuun seeraa

tokko Yesuusin qoruuf jedhee

ka'ee dhaabate; innis "Yaa Barsiisa,

ani jireenna barabaraa

dhaaluuf maal gochuu naa

wayya?" jedhee gaafate.

c 13 ykn maadee /ajaa'ibaa; d 13 ykn

laalalaa; e 18 ykn angaasuutti; f 19 ykn

qaanjibbuu; g 19 ykn nyaaphaa; h 19 ykn

jabeenna; i 21ykn Ayyaana Wayyuutiin;

j 23 ykn iltii; k 24 ykn raajonniifi

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!